إعدادات العرض
Rabbiin toltuuwwanii fi badiiwwanis barreessee, eegasii san ifa galchee jira
Rabbiin toltuuwwanii fi badiiwwanis barreessee, eegasii san ifa galchee jira
Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii isaanii irraa odeessu keessatti Rabbiin akkas jedhe: «Rabbiin toltuuwwanii fi badiiwwanis barreessee, eegasii san ifa galchee jira, namni toltuu takka (hojjachuu) yaadee osoo isii hin hojjatin hafe, Rabbiin toltuu guutuu of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee eegasii isii hojjate immoo; toltuu kudhanii hanga dachaa dhibba torbaatti, hanga dachaawwan hedduu godhee of biratti isa barreessa. yoo badii tokko (hojjachuu) yaadee osoo isa hin hojjatin tawbatee dhiise immoo, Rabbiin of biratti toltuu guutuu isaa kataba. yoo isitti yaadee ka'ee hojjate immoo; Rabbiin badii tokko godhee of biratti isii kataba».
الترجمة
العربية Español አማርኛ English اردو Indonesia বাংলা Français Türkçe Русский Bosanski සිංහල हिन्दी 中文 فارسی Tiếng Việt Tagalog Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ ไทย Deutsch پښتو অসমীয়া Shqip Nederlands ગુજરાતી Кыргызча नेपाली Lietuvių دری Српски тоҷикӣ Kinyarwanda Magyar Čeština Moore Malagasy ಕನ್ನಡ Wolof Azərbaycan O‘zbek Українська ქართული Македонски ភាសាខ្មែរ Bambara ਪੰਜਾਬੀ मराठी Kirundi Kurmancî Bahasa Melayuالشرح
Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin toltuu fi badduu murteessee eegasii akka itti isii barreessan Maleekaa lameenif ibse jichuudha ifa galchan: Namni toltuu hojjachuu fedhee yaadee isii hojjachuu irratti murteeffatee ka'e toltuu tokkotu isaaf barreeffama, yoo isii hin hojjannellee, yoo isii hojjate immoo fakkaattii isii kudhaniin hanga dachaa dhibba torbaa hanga dachaawwan hedduutti dachaa isaaf godhama, dabalanni akkaataa ikhlaasa qalbii, faydaan isaa darbaa ta'uu fi kan sana fakkaatanuun ta'a. Akkasuma namni badii hojjachuu fidhee yaadee isii hojjachuu murteeffatee ka'ee eegasii Rabbiif jecha isii dhiise toltuu godhamee isaaf barreeffama, yoo immoo dhimma biraatiin isii irraa qabamee sababaawwan isii osoo hin hojjatin dhiise homaa isaaf hin barreeffamu, isii hojjachuu dadhabuun yoo isii dhiise immoo yaada isaatu isa irratti barreeffama, yoo isii hojjate immoo badii tokkootu isa irratti barreeffama.فوائد الحديث
Toltuu dachaa taasisee of biratti isii barreessuu fi badii immoo dachaa taasisuu dhabuu keessatti tola gudda Rabbiin ummata kana irratti oole ifa galchuudha.
Hojii keessatti barbaachisumma niyyaatii fi bu'aa isii ibsuudha.
Kenna Rabbii ol tahee, mararfannaa Isaatii fi tola Isaa irraa namni toltuu tokko yaadee ka'ee isii osoo hin hojjatin hafee Rabbiin toltuutti isaaf isa barreessa.
