Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo lama lama wuduu’a godhatan

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo lama lama wuduu’a godhatan

Abdullaah bin Zeydii irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaalatu: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo lama lama wuduu’a godhatan.

[sirrii] [Bukhaariitu gabaase]

الشرح

Yeroo tokko tokko Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wuduu’a yeroo godhatan qaama wuduu’aa hunda yeroo lama lama kan dhiqatan ta'an, fuula ni dhiqatan -isuma irraayi lulluuqqachuu fi bishaan funyaan keessa ol galchanii gadi deebisuun- akkasumas harka lamaani fi miila lamaan yeroo lama lama ni dhiqatan.

فوائد الحديث

Qaamolee wuduu'aa dhiqachuu keessatti dirqamni yeroo tokko tokko qofa, wanni sana irratti dabalame jaalatamaadha.

Yeroo garii wuduu’a yeroo lama lama godhachuun ni danda'amaadha.

Mataa haxaa'uu keessatti inni hayyamamu yeroo tokko qofa.

التصنيفات

sunnaaleefii naamusa wuduu'aa, akkaataa wuduu'aa