إعدادات العرض
Amantaa jechuun gaarii yaaduudha
Amantaa jechuun gaarii yaaduudha
Abuu Ruqiyyaa Tamiim ibnu Aows Addaarii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Amantaa jechuun gaarii yaaduudha" ni jenne: eenyuufi? ni jedhan: "Rabbiifi, kitaaba Isaatiifi, ergamaa Isaatiif, dureewwan muslimootaatii fi hunduma isaanitiifi".
الترجمة
العربية Español አማርኛ English اردو Indonesia বাংলা Français Türkçe Русский Bosanski සිංහල हिन्दी 中文 فارسی Tiếng Việt Tagalog Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ ไทย Deutsch پښتو অসমীয়া Shqip Nederlands ગુજરાતી Кыргызча नेपाली Yorùbá Lietuvių دری Српски тоҷикӣ Kinyarwanda Română Magyar Čeština Moore Malagasy Fulfulde Italiano ಕನ್ನಡ Wolof Azərbaycan O‘zbek Українська ქართული Македонски ភាសាខ្មែរ Bambara ਪੰਜਾਬੀ मराठी Kirundi Kurmancî Bahasa Melayu Yaoالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Amantiin Rabbiif qulqulleessanii hojjachuu fi dhugaa irratti akka gadi dhaabbate himani, sunis kan ta'e akkuma Rabbiin dirqama taasisetti, hir'isaan maletti yookaan gowwoosaan maletti, guutuu ta'ee akka raawwatamuufi. Nabiyyiidhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nasiihaan (gorsi) eenyuuf ta'a? jedhamee jennaan, akkas jedhani: Jalqaba: Rabbiif nasiihaa gochuudha (yaaduudha): kunis kan ta'u, hojii kee Rabbiif qulqulleesuu fi isatti qindeessuu dhabuun, Rabbummaa isaa, gabbaramummaa isaatii fi maqoolee fi sifaata isaatti amanuun, ajaja isaa ulfeessuu fi isatti amanuutti waamuuni. lammaffaan: Kitaaba Rabbiitiif nasiihaa gochuudha (yaaduudha) innis Qur'aana kabajamaadha: kunis kan ta'u haasaa Rabbii ta'uu isaa, xumura kitaabolee isaa ta'uu fi shari'aawwan isaan dura turan hundas kan haqe ta'uu isaatti amanuuni, akkasumas isa ulfeessina, akka dubbifamuu qabuttis isa dubbifna, murtoo isaa ifa galaa ta'ettis ni hojjanna, wol fakkaataa isaas itti amannee fudhanna, jijjiirraa worra isa jallisanuu irraas isa eegna, gorsa isaatiinis ni gorfamna, beekumsa isaas ni facaafna, isattis ni waamna. Sadaffaan: ergamaa Rabbii Muhammadiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nasiihaa gochuudha (yaaduudha): sunis kan ta'u, ergamaa xumuraa ta'uu isaaniitti amanuun, waan isaan ittiin dhufan dhugeessuun, ajaja isaanii hojii irra oolchuun, waan isaan irraa dhoorgan irraa fagaachuun, waan isaan ittiin dhufaniin malee Rabbiin gabbaruu dhiisuun, haqa isaanii jabeessuun, isaan ulfeessuun, waamicha isaanii facaasuun, kara isaanii diriirsuu fi maqa balleessii isaan irraa mormuuni. Afraffaa: Dura buutota Muslimootaatiif nasiihaa gochuudha (yaaduudha): kunis kan ta'u haqa irratti isaan gargaaruun, aangoo isaaniin falmuu dhabuu fi Rabbiif ajajamuu keessatti isaan dhaga'uuni. Shanaffaan: Muslimootaaf nasiihaa gochuudha (yaaduudha): kunis kan ta'u; tola isaanitti ooluun, islaamummaatti isaan waamuun, waan isaan rakkisu isaan irraa qabuun, toltuu isaaniif jaallachuu fi toltuu fi sodaa Rabbii keessatti isaaniin wol gargaaruuni.فوائد الحديث
Hundaaf gaarii yaaduutti ajajuudha.
Sadarkaan nasiihaan amantii keessatti qabu guddaa ta'uudha.
Amantaan aqiidaawwan, jechoowwanii fi hojiiwwan of keessatti hammachuudha.
Nasiihaa irraa nama gaariin yaadamuuf gowwoomsuu irraa lubbbuu qulqulleessuu fi toltuu isaaf fedhuudha.
Bareeduma barsiisa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko akka walii galaatti dubbatanii ka'anii eegasii adda babaasanii yeroo ibsan.
Waan irra yaachisaan eegasii irra yaachisaan jalqabuudha, akkasumatti walitti aansuun, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiif gaarii yaaduun eegalanii, eegasii kitaaba Isaa itti aansan, eegasii ergamaa isaati itti aansan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- eegasii immoo dureewwan muslimootaa fi hunduma isaaniitiin xumuran.
