Osoo isin irkannaa dhugaa, Rabbirratti irkattanii, silaa akka allaattii soorutti isin soora, garaa duwwaa (beelaan) bobbaatee garaa guuttattee (quuftee) galti

Osoo isin irkannaa dhugaa, Rabbirratti irkattanii, silaa akka allaattii soorutti isin soora, garaa duwwaa (beelaan) bobbaatee garaa guuttattee (quuftee) galti

Umar ibnu Al-Khaxxaab irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Osoo isin irkannaa dhugaa, Rabbirratti irkattanii, silaa akka allaattii soorutti isin soora, garaa duwwaa (beelaan) bobbaatee garaa guuttattee (quuftee) galti».

[sirrii] [رواه الإمام أحمد والترمذي والنسائي وابن ماجه وابن حبان في صحيحه والحاكم]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi ngeenya isaan irratti haa buusu- Dhimmoota amantii fi duuniyaa keessatti bu'aa barbaaduu fi miidhaa deemsisuuf Rabbiin irratti akka hirkannu nu kakaasani, waan -Inni qulqullaa'e ol ta'e- Isa malee kan kennuu fi kan dhoorguu, akkasumas kan miidhuu fi kan fayyadu hin jirreef jecha. Akkasumas sababoowwan bu'aa fidduu fi miidhaa deebistu hojjachuudha, dhugaan Rabbirratti hirkachuu waliin, yeroo sana hojjannetti Rabbiin akkuma allaattii ganama beelaan baatee, eegasii immoo galgala garaa guuttattee deebituuti, hojiin allaattii kun gosa tokko kan sababoowwan rizqii barbaaduu irraa ta'eedha, hirkannaa sobaatii fi hifannaan maletti.

فوائد الحديث

Sadarkaa tawakkulli qabuu fi inni sababoowwan guddoo ittiin rizqiin barbaadamu keessaa tokko ta'uu isaati.

Tawakkulli sababoowwan hojjachuun wol hin faallessu, rizqii barbachuu keessatti ganamaan bahanii galgalaa deebi'uun tawakkula dhugaatiin wol akka faallessine waan himaniif jecha.

Shari'aan hojiiwwan qalbiitiif bakka kennuudha, tawakkulli hojiii qalbiiti waan ta'eef.

Sababoowwan qofa irratti rarra'uun hirdhina gama diiniiti, sababoowwan dhiisuun immo hirdhina aqliiti.