إعدادات العرض
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame
Abuu Abdurrahmaan Abdullaah ibnu Umar ibnu Al-Khaxxaab irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: “Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
[sirrii] [رواه البخاري ومسلم]
الترجمة
العربية Español አማርኛ English اردو Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Français Türkçe Русский Bosanski සිංහල हिन्दी 中文 فارسی Tiếng Việt Tagalog Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ ไทย Deutsch 日本語 پښتو অসমীয়া Shqip Svenska Nederlands ગુજરાતી Кыргызча नेपाली Yorùbá Lietuvių دری Српски Soomaali тоҷикӣ Kinyarwanda Română Magyar Čeština Moore Malagasy Fulfulde ಕನ್ನಡ Wolof Azərbaycan O‘zbek Українська ქართული Македонски ភាសាខ្មែរ Bambara ਪੰਜਾਬੀ मराठी Kirundi Kurmancî Bahasa Melayu Yaoالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Islaamummaa ijaarsa ruknoowwan isaa shanan ijaarsa sana baattuun jabaa ta'etti fakkeessan, haaloowwan isalaamummaa kanneen hafan immoo akka waan guuttuu ijaarsa sanaa taatetti ilaalamti. Durri Ruknoowwan kanneenii: Shahaadaa lameeni; Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu hin jiruu fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta'uu ragaa bahuudha, isaan kun lameen ruknii tokko, tokkoon isaanii kaan irraa gargar hin bahu, Garbichi tokkummaa Rabbiitii fi waan Isa malee jiru osoo hin taane Inni qofti ibaadaa akka haqa godhatu amaanaa haala ta'een, qajeelfama isitti hojjataa haala ta'een, ergaa Muhammaditti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- amanee isaan hordofaa haala ta'een isaan lameen (shahaadaa lameen) dubbata. Rukniin lammaffaa: Salaata dhaabuudha, isiinis Salaatawwan halkanii fi guyyaa keessatti dirqama ta'an shanani: salaata fajrii, zuhrii, asrii, maghribaa fi ishaa'ii yoo ta'an ulaagaa isaanii, ruknoowwan isaaniiti fi dirqamoota isaanii eeggatanii dhaabuudha. Rukniin sadaffaa: zakaa dirqamaa baasuudha, isiin ibaadaa qabeenyaa tan hunda hoorii likkii shari'aan murtaahe keessatti dirqama taatuudha, namoota isii haqa haqa godhataniif kennamti. Rukniin afraffaa: Hajjiidha, inni hojiilee adda addaa raawwachuuf Makkaa hamiluudha, Rabbii ol ta’e gabbaruuf jecha. Rukniin Shanaffaa: Sooma Ramadaanaati, inni barii irraa kaasee hanga aduun lixxutti niyyaa Rabbiin gabbaruutiin nyaata, dhugaatii fi wantoota sooma balleessan kan biroo irraa of qabuudha.فوائد الحديث
Shahaadaan lameen kan addaan hin baane ta'uu fi tokkoon isaanii kaanin malee fayyaa hin ta'uudha; kanaafuu ruknii tokko isaan godhe.
Shahaadaan lameen bu’uura amantii yoo ta'an isaan lameenin malee jechaas ta'ee hojiin kamuu fudhatama hin qabu.
