“Isin keessaa namni tokko yommuu nyaatu harka mirgaatiin haa nyaatu, yommuu dhugu harka mirgaatiin haa dhugu, Sheyxaanni harka bitaa isaatiin nyaata, harka bitaa isaatiinis dhuga”

“Isin keessaa namni tokko yommuu nyaatu harka mirgaatiin haa nyaatu, yommuu dhugu harka mirgaatiin haa dhugu, Sheyxaanni harka bitaa isaatiin nyaata, harka bitaa isaatiinis dhuga”

Ibnu Umar irraa odeeffame, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu, Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana jedhan: “Isin keessaa namni tokko yommuu nyaatu harka mirgaatiin haa nyaatu, yommuu dhugu harka mirgaatiin haa dhugu, Sheyxaanni harka bitaa isaatiin nyaata, harka bitaa isaatiinis dhuga”.

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, Muslimni harka mirgaatiin akka nyaatuu fi dhuguuf ajajan, akkasumas harka bitaatiin nyaachuu fi dhuguu irraa dhoorgan, sababni isaas sheyxaanni ittiin nyaatee waan dhuguuf jecha.

فوائد الحديث

Harka bitaan nyaachuu ykn dhuguun sheyxaanatti fakkaachuu irraa dhoorguudha.