إعدادات العرض
Hojiin kamuu niyaadhaani, nama kamiifuu waanuma inni niyyatetu isaaf jira
Hojiin kamuu niyaadhaani, nama kamiifuu waanuma inni niyyatetu isaaf jira
Amiira Mu'umintootaa Abuu Hafsi Umar ibnu Al-Khaxxaab irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Hojiin kamuu niyaadhaani, nama kamiifuu waanuma inni niyyatetu isaaf jira, namni godaanisi isaa gara Rabbii fi ergamaa isaatti ta’e, godaansi isaa gara Rabbii fi ergamaadhuma isaatti ta'a, namni godaansi isaa immoo duuniyaa argatuuf yookaan dubartii fuudhuuf ta’e immoo, godaansi isaa garuma itti godaane sanatti ta'a».
الترجمة
العربية Español አማርኛ English اردو Indonesia বাংলা Français Türkçe Русский Bosanski සිංහල हिन्दी 中文 فارسی Tiếng Việt Tagalog Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ ไทย Deutsch پښتو অসমীয়া Shqip Nederlands ગુજરાતી Кыргызча नेपाली Lietuvių دری Српски тоҷикӣ Kinyarwanda Română Magyar Čeština Moore Malagasy ಕನ್ನಡ Wolof Azərbaycan O‘zbek Українська ქართული Македонски ភាសាខ្មែរ Bambara ਪੰਜਾਬੀ मराठी Kirundi Kurmancî Bahasa Melayuالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin hunduu madaalli isaa niyyaadhaan akka ta'e ibsani, murtoon kun gabbartiis ta'ee walitti dhufeenya nama waliin taasifnuu fi hojii hunda keessatti murtoo walii galaati, namni hojii isaatiin bu'aa wohii fedhe bu'attii sana malee hin argatu, mindaanis isaaaf hin jiru, namni hojii isaatiin Rabbitti dhihaachuu fedhe hojii isaa irraa mindaa fi gatii argata osoma hojii Aadeeffatamaa, akka nyaataa fi dhugaatii ta'eellee. Eegasii haala alatti muldhatuun walfakkaachuu waliin dhiibbaa niyyaan hojii irratti qabu ibsuuf jecha fakkeenya fudhatani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni godaansa isaatii fi biyya isaa gadhiisuudhaan jaalala Rabbii isaa fedhe, godaansi isaa godaansa shari'aa qeebalamtuudhaa sababaa niyyaan isaa dhugoomteef mindaa irratti ni argataa fi namni immoo godaansa isaatiin qabeenya irraa, yookaan kabajaa irraa, yookaan daldala irraa, yookaan haadha manaaa irraa haa ta'u bu'aa duuniyaa fedhe godaansa isaa sana irraa bu'attii isii niyyatee sana malee homaa hin argatu, gatii fi mindaa irra qooda homaatuu hin qabuudha ibsan.فوائد الحديث
Iklaasatti kakaasuudha, Rabbiin hojii irraa waan fuulli Isaa ittiin barbaadame malee hin qeebalu waan ta'eef jecha.
Namni dirqamni isa irra ka'ame hojiiwwan gama Rabbiitti ittiin dhihaatan akka Aadaatti yoo hojjate isii irratti mindaan isaaf hin jiru, hanga isiidhaan Rabbitti dhihaachuu fedhutti.
Niyyaadhaan ibaadaan aadaa irraa adda ba'a, akkasumas ibaadaan gariinis garii irraa niyyaadhaan adda ba'a.
