Yemmuu Mu'azinni Allaahu Akbar : Allaahu Akbar

Yemmuu Mu'azinni Allaahu Akbar : Allaahu Akbar

Umar ilma Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan: "Yemmuu Mu'azinni Allaahu Akbar : Allaahu Akbar jedhe, tokkoon keessan Allaahu Akbar : Allaahu Akbar jedha, ergasii Ash-hadu An laa ilaaha Illallaah yoo jedhe innis Ash-hadu An laa ilaaha Illallaah jedha, Ash-hadu Anna Muhammadan rasuulullaah yoo jedhe, innis Ash-hadu Anna Muhammadan rasuulullaah jedha, Hayya Alassalaah yoo jedhe, Laa hawla walaa quwwata illaa billaah jedha, Hayya Alal falaah yoo jedhes laa hawla walaa quwwata illaa billaah jedha, Allaahu Akbar Allaahu Akbar yoo jedhe, Allaahu Akbar Allaahu Akbar jedha, ergasii Laa ilaaha Illaallaah yeroo mu'azzinni jedhe, innis Laa ilaaha Illallaah jedha, kana qalbii isaa irraa kan jedhe taanan Jannata seene".

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Waamichi salaataa(Azaanni) yeroon salaataa akka seene namootatti beeksisuudha, jechoonni azaanaas jechoota walitti qabaa barumsa amantii of keessaa qabuudha. Hadiisa kana keessatti Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo waamicha salaataa (Azaana) dhaga’an waan jedhamuu qabu ibsaniiru, kunis dhaggeeffataan waan mu'ezzinni jedhu irra deeb'ee jedhuu yoo tahu, Allaahu Akbar yoo jedhe innis Allaahu Akbar jedha, hanga "Hayya Alassalaah" Hayya Alalfalaah" jedhutti, yeroo kana "Laa hawla walaa quwwata Illaa billaah" jedha. Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- namni qalbii isaa qulqulluun waan mua'azzinni jedhu irra deddeebi’ee jedhe Jannata akka seenu ibsaniiru. Hiika jechoota azaanaa: “Allaahu Akbar” jechuun: Inni(Rabbiin) -qulqullaa'e- waan hundumaa caalaa waa hunda irra guddaadha jechuudha. “Ash-hadu An-laa Ilaaha Illallaah" jechuun: kan haqaan gabbaramu Rabbii tokkicha malee akka hin jirre ragaa baha jechuudha. “Ash-hadu Anna Muhammadan rasuulullaah” jechuun: Muhaammad Ergamaa Rabbii, kan Rabbiin guddaan isaan erge ta'uu isaanitii fi isaanif ajajamuun dirqama akka ta'e qalbii kootin itti amanee arraba kootin ammoo ragaa baha jechuudha. "Hayya Al-Assalaah" jechuun: Gara salaataa koottaa jechuudha, jechi dhaggeeffataa: "Laa hawla walaa quwwata illaa billaah" kan jedhu sun immoo: wantoota ibaadaa irraa nama dhoorgan irraa nagaa bahuu fi waa tokko ibaadaa irraa hojjachuu irratti malaa fi dandeettiin towfiiqa Rabbii ol ta'eetin malee hin jiru jechuudha. “Hayya Alalfalaah” jechuun: gara kaayyoo milkaa’inaatti koottaa, innis Jannata argachuu fi Jahannam irraa bilisa ta'uudha.

فوائد الحديث

Sadarkaa mu'azzinni waan jedhu waliin jechuun qabuudha, haala lamaan keessatti malee, yeroo san akkana jedha: “Rabbiin malee mallis, humnis hin jiru”.