Irra caalaan Guyyaa aduun itti baate guyyaa Jum’aati

Irra caalaan Guyyaa aduun itti baate guyyaa Jum’aati

Abuu Hureyraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isarratti haa jiraatu- akkana jedhan: «Irra caalaan Guyyaa aduun itti baate guyyaa Jum’aati, guyyaa kana keessatti Aadam uumame, isa keessatti ammas Jannata seensifame, guyyaa kana keessatti irraa ari’ames, guyyaa Jum’aa malee Qiyaamaan hin dhaabbattu».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- irra caalaan guyyaa aduun itti baatee guyyaa Jum’aa akka ta’e himan. Wantoota guyyaa Jum'aa adda godhan keessaa: Rabbiin guyyaa kana keessatti Aadamiin uume, Isa keessatti Jannata isa seensise, isa keessatti ammas jannata keessaa isa baasee gara lafaatti isa buuse, Guyyaa jum'aa keessatti malee qiyaamaan hin dhaabbatu.

فوائد الحديث

Guyyaan Jimaataa guyyoota torbanii kanneen biroo hunda caalaa sadarkaa akka qabuudha.

Guyyaa Jimaataa keessatti hojii gaggaarii baay'isanii hojjechuu irratti kakaasuudha, akkasumas rahmata Rabbii argachuu fi dheekkamsa Isaa jalaa bahuuf qophaa’uun barbaachisaa akka ta'eedha.

Wantoonni guyyaa Jum’aa adda taasisan tan Hadiisa keessatti ibsaman kunneen akkana jedhame: isiin Sadarkaa guyyaa Jum’aa dubbachuufii miti; Sababni isaas Aadam Jannata irraa baafamuu fi Qiyaamaan dhaabbachuun akka sadarkaatti waan hin ilaalamneef jecha. Akkasis jedhame: hundi isaaniituu sadarkaa caalmaati, Aadam jannata irra bahuun ammoo ergamtoota, nabiyyoota fi namoota gaggaarii irraa sanyiin argamuuf sababaa ta’e, Qiyaamaan dhaabbachuun ammoo mindaa warra gaggaarii ariifachiisuu fi kabajowwan adda addaa irraa waan Rabbiin isaaniif qopheesse akka argataniif sababaa ta'e.

Wantoota Hadiisa kana keessatti dubbataman malee wantoonni biroo kan guyyaa jum'aa adda taasisan dubbatamaniiru, isaan keessaa: guyyaa kana keessatti Aadam irratti towbaan deebi'ame, ammas isa keessatti du'e, guyyaa kana keessa sa’aatiin gabricha mu’uminaa kamiyyuu osoo kadhatee isa qunnamee, Rabbiin waan san isaaf kennu malee hin hafneetu jira.

Irra caalaan guyyoota waggaa Guyyaa Arafaati, akkasiis jedhame: Guyyaan qalmaati, irra caalaan guyyoota torbaanii guyyaa Jum’aati, irra caalaan halkanii ammoo halkan qadriiti (leylatul qadr).

التصنيفات

nabiyyootaafii ergamtoota dabran. nageenyi isaan irratti haajiraatu.