Namoota Jahannam keessaa kan amma dura isaan hin argin gosa lamatu jira, isaanis: Dhiirota alangee akka eegee horii qabatanii namaan rukutanii fi Dubartoota, uuffataa qullaa deeman, ofii jallatanii namas kan jallisaniidha

Namoota Jahannam keessaa kan amma dura isaan hin argin gosa lamatu jira, isaanis: Dhiirota alangee akka eegee horii qabatanii namaan rukutanii fi Dubartoota, uuffataa qullaa deeman, ofii jallatanii namas kan jallisaniidha

Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaalatu ni jedhe: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahamnni irra haa jiraatuu akkana jedhani: "Namoota Jahannam keessaa kan amma dura isaan hin argin gosa lamatu jira, isaanis: Dhiirota alangee akka eegee horii qabatanii namaan rukutanii fi Dubartoota, uuffataa qullaa deeman, ofii jallatanii namas kan jallisaniidha, rifeensi mata isaanii akka dalluu gaalaa kan dabeeti, jannata hin seenan, urgaa isiis hin argan, urgaan isii deemsa fageenya karaa akkasii fi akkasii irraa kan argamu ta'uu waliin".

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni isaan irra haa jiraatuu, namoota irraa gosa lama kan warra Jahannam irraa ta'an kan zamana isaanii keessatti hin jirre, garuu isaan boodaa kan argamuu ta’an irraa akeekkachiisa kennan: Gosti tokkoffaa: ummata alangee dheeraa akka eegee horii qabu, kan ittiin nama reeban, isaanis Poolisii fi ergamtoota cunqursoo haqa malee nama reebanii dha. Gosti lammaffaa: dubartoota uffata ittiin of eeganii fi uffata safuu Aadatti dubartiin uumamatti qabdu ofirraa baasaniidha. Akkas jechuun isaan ibsani: gubbaan uffataniirua, keessoon ammoo qullaadha; Sababni isaas uffata haphii qaama ibsu uffatu, akkasumas qaama isaanii garii haguuganii garii muldhisu; Bareedina agarsiisuuf jecha, Isaan uffata isaanitii fi deemsa keessatti of tuuluu isaanittin qalbii dhirotaa jallisoodha, akkasumas ceekuu isaanii jallisaa deemu, Namoota kaanis gara jallinaati fi badii ofii isaanitti isa keessatti harkisu. Halowwan isaanii keessaa: mataan isaanii akka dalluu gaalaa jallataa yoo ta'u, isaan rifeensa mataa isaanii carqii fi waan ishee fakkaatu itti maruudhaan guddisu. Dalluu gaalaatti fakkeessuun, rifeensi isaanii fi shurrabbaan isaanii mataa isaanitii olitti ol-fuudhamaa waan ta'eef jecha, akkasumas akkuma dalluun gaalaa gama tokkotti dabutti hanga isheen moggaalee mataa irraa gara tokkotti dabdutti waan isaan hidhaniif caccabuu isheetif jecha. Egaa namni haalowwan kanneen qabu Jannata seenuu dhabuun, hafuura jannataa argu dhabuu fi osoo hafuurri jannataa fagoo irraa argamuu ittumaayyuu dhihaachuu dhabuun doorsisni cimaan kun isarrattillee ni dhugooma.

فوائد الحديث

Cubbuu fi badii isaan hojjatan tokko malee nama rukutuu fi miidhuun haraama ta'uudha.

Cunqursitoota cunqursaa isaanii keessatti gargaaruun haraama ta'uudha.

Dubartoonni of hin mul’isne, bareedina isaanis namoota alagaaf akka hin agarsiifne, akkasumas uffata dhiphaa ykn keessa isaanii mul’isu, kan qaama dhuunfaa isaanii agarsiisu akka hin uffanne akeekkachiisuudha.

Dubartiin Musliimaa ajaja Rabbii qabattee, waan Isa Aarsu kan Aakhiratti adabbii laalessaa itti fufaa ta'eef ishee saaxilu irraa fagaachurratti ishee kakaasuudha.

Hadiisni ragoolee Nabiyyummaa isaanii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- agarsiisan keessaa isa tokko, maalif jennaan waa’ee wantoota fagoo amma dura hin argaminii himanii akkuma isaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- himanitti argaman.