Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- shanachi koo shanacha isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- shanachi koo shanacha isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan

Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- shanachi koo shanacha isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan: " attahiyyaatu lillaahi, wassalawaatu waxxayyibaat. assalaamu alayka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuhuu. assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin. Ash hadu anlaa ilaaha illallaahu wa ash hadu anna muhammadan abduhuu wa Rasuuluhuu" hiikkaan 'Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barkaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa akka ta'an ragaa nan baha". Gabaasa biraa kan Bukhaarii fi Muslim keessatti: "Rabbiin nagaadha, nagaas kennaadha, kanaafuu tokkoon keessan yeroo salaata keessatti tashahhudaaf taa'e akkana haa jedhu: Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barkaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu -yeroo jechoota kana jedhetti samii fi dachii keessatti hunda gabricha Rabbii kan gaarii ta'eef ni geessi- Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa akka ta'an, eegasii du'aa'ii irraa waan barbaade filata".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Ibnu Mas'uudin -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkuma suuraa Qur'aana irraa taate isa barsiisanitti Tashahhuda salaata keessatti jedhamu xiyyeeffannoo ibnu Mas'uud garas deebisuuf jecha haala dhugumatti harka isaa harka isaa lameen keessatti godheen barsiisan, kun jechaa fi hiikkan tashahhuda kanatti yaaddawuu Nabiyyiiti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama agarsiisa. Akkas jedhan: "Kabajowwan Rabbiifi": Isiin hunduma jecha ykn gocha kabajaa irratti nama qajeelchu yoo taatu, hundummaan isiituu Rabbii ol ta'eef haqa godhamtuudha. " Salawaanni": Isiin salaata beekamtuu yoo taatu, waajbni isiiti fi sunnaa isiitis Rabbii ol ta'eefi. ​ “Wantoonni gaggaariin”: Isiin jechoota, gochoota fi haalowwan gaggaarii ta'an kan guutummina irratti nama qajeelchan yoo taatu, hundummaan isiituu Rabbii ol ta'eef haqa godhamtuudha. "Yaa Nabiyyii! Nageenyi sirratti haa jiraatu, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu" jdchuun: Hunduma Rakkinaati fi waan jibbamaa ta'e irra nagaa ta'uu fi kheyrii hunda irraa dabalachuu isaanif kadhachuudha. "Nageenyi nuu fi gabroota Rabbii gaggaarii irratti haa jiraatu" jechuun: Namni salaatu tokko ofii isaati fi samii fi dachii keessatti hunda gabricha gaarii ta'eef nagaa kadhachuudha. "Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaa baha": Kana jechuun Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre cimsee ragaa baha. “Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa baha”: Rabbiif gabra ta'uu isaanitii fi ergama xumuraatin akka ergaman nana raggaasisa. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kadhannaa irraa waan barbaade filachuu irratti nama salaatu kakaasan.

فوائد الحديث

Eddoon tashahhuda kanaa salaata hunda keessatti booda sujuuda dhumaati fi salaata rak'aa sadii fi afurii keessatti booda rak'aa lammaffaatiidha.

Tashahhuda keessatti Attahiyyaanni dirqama ta'uudha, jechoota tashahhuda kan Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mirkanaa'an keessaa kan barbaade filatee qara'uu ni danda'a.

Dilii waan hin tahiniin salaata keessatti waan barbaadaniin du'aa'ii godhachuun ni danda'amaadha.

Du'aa'ii yeroo godhatan lubbuu ofiitiin eegaluun sunnaa ta'uudha.

التصنيفات

akkaataa salaataa