Halkan imala na geessan(Halkan israa'ii) Ibraahiim nan qunnamee, akkana jedhe: Yaa Muhammad salaamtaa anaraa ummata keetitti geessii, Jannanni biyyee gaarii fi bishaan mi'aawaa akka qabdu isaanitti himi

Halkan imala na geessan(Halkan israa'ii) Ibraahiim nan qunnamee, akkana jedhe: Yaa Muhammad salaamtaa anaraa ummata keetitti geessii, Jannanni biyyee gaarii fi bishaan mi'aawaa akka qabdu isaanitti himi

Ibnu Mas'uud irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Halkan imala na geessan(Halkan israa'ii) Ibraahiim nan qunnamee, akkana jedhe: Yaa Muhammad salaamtaa anaraa ummata keetitti geessii, Jannanni biyyee gaarii fi bishaan mi'aawaa akka qabdu isaanitti himi, akkasumas lafti ishee diriiraa walqixxaa'e akka ta'ee fi biqiltuun ishee Subhaanallaah walhamdulillaah walaa ilaaha Illallaah wallaahu Akbar jechuu akka ta'e itti himi».

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- halkan Imalaa Israa'ii fi Mi’iraaj Ibraahiim Al-khaliil waliin akka wal argan, Inni akkana akka isaanin jedhe himan: yaa Muhammad: Salaamtaa anarraa ummata keetitti geessi, Jannanni biyyee gaarii fi Bishaan mi'aawaa soogidda hin qabne akka qabdu isaan beeksisi, akkasumas Jannanni eddoo bal’aa, wal qixaa kan muka irraa bilisa ta'e akka taate fi biqiltuun ishee jechoota gaarii akka ta'e, isaanis haftoowwan gaarii: Subhaanallaah walhamdulillaah walaa ilaaha Illallaah wallaahu Akbar jechuu akka ta'e isaan beeksisi, jechuunis: Rabbiin qulqullaa'e, faaruun isa qofaafi, isa malee hqaan gabbaramaan hin jiru, inni waa hunda caalaa guddaadha jechuudha, Muslimni lakkuma ishee irra deddeebi'ee Jannata keessatti biqultuun isaaf dhaabbata.

فوائد الحديث

Biqiltoota Jannata keessatti baay’ifachuuf yeroo hunda Zikrii jechuu irratti kakaasuudha.

Sadarkaa ummanni Islaamaa qabduudha; Ibraahiim -nageenyi fi rahmatni irra haa jiraatu- sana irraa ka'ee salaamtaa isaanif erge.

Ibraahiim -nagaan irra haa jiraatu- Ummatni Muhammad -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- Rabbii ol ta'e akka zakkaruu akka baay'isan jajjabeessuudha.

Xiibiin akkana jedhe: Jannatni lafa diriiraadha, eegasii Rabbiin ol ta'e tola isaatiin mukkeeni fi gamoowwan akkaata dalagaa namootatiin ishee keessatti argamsiise, Hojjetaan kamiyyuu sababa hojii isaatiin kan biraa irraa adda, eegasii Rabbiin ol ta'e sanaan mindaa akka argatuuf jecha hojii irraa waan isaaf uumameef yeroo isa laaffisu akka nama mukkeen sana biqiltuu dhaabuu isa godhe.

التصنيفات

sadarkaa zikrii