Irra caalaan zikriidhaa: Laa ilaaha illallaah jechuudha, irra caalaan kadhaadhaa immoo: Alhamdulillaah jechuudha

Irra caalaan zikriidhaa: Laa ilaaha illallaah jechuudha, irra caalaan kadhaadhaa immoo: Alhamdulillaah jechuudha

Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhanin dhaga'e: "Irra caalaan zikriidhaa: Laa ilaaha illallaah jechuudha, irra caalaan kadhaadhaa immoo: Alhamdulillaah jechuudha".

[Hasan/Sound.] [Ibn Maajah]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumaan irra caalaan zikrii ''Laa ilaaha illallaah'' akka ta'e himan, hiikkaan isii haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru jechuudha, akkasumas dhugumaan irra caaalaan kadhaa "Alhamdulillaah'' jechuu akka ta'e himan; isiinis qananiisaan Rabbuma -qulqullaa'e- kan sifa guutuu bareedaa haqa godhate jedhanii amanuudha.

فوائد الحديث

Jecha tawhiidaatiin Zikrii Rabbii gochuu fi Alhamdulillaah dhaan kadhachuu heddummeessuutti kakaasuudha.