Hanga yeroon walitti dhihaatutti qiyaamaan hin dhaabbattu

Hanga yeroon walitti dhihaatutti qiyaamaan hin dhaabbattu

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Hanga yeroon walitti dhihaatutti qiyaamaan hin dhaabbattu, sababaa sanaan waggaan akka ji’aa, jiini akka torbaanii, torbaan immoo akka guyyaa, guyyaan immoo akka sa’aatii, sa'aatiin immoo akka gubachuu baala damee muka timiraa ta'a".

[Sahih/Authentic.] [Ahmad]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mallattoo Qiyaamaa keessaa tokko yeroon walitti dhiyaachuu akka ta’e himan, Waggaan akkuma ji'atti darba, Jiini akkuma torbanitti darba, Torbaan akkuma guyyatti darba, Guyyaan akkuma sa'aatiin tokko darbutti darba, Sa’aatiin immoo akkuma baalli muka timiraa gubatu baay’ee dafee darba.

فوائد الحديث

Mallattoo Qiyaamaa keessaa yeroon barakaa dhabuudha, ykn saffisiisuu isaati.