Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qaleeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa

Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qaleeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa

Irbaad bin Saariyaa irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:- Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafa tokko nu gidduu dhaabbatanii gorsa jibaa qalbiin irraa sodaattee ijji irraa imimmaan dhangalaafte nu gorsan, eegasii ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii Gorsa nama nagaa namatti dhaammatuu nu gorsitanii, nuu dhaamaa, isaanis ni jedhan: "Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qaleeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa, ilkaan a'ootiin isirratti ciniinaa, wantoota haaraa bid'aa ta'an irraa fagaadhaa, hundummaan bid'aatuu jal’ina waan ta’eef".

[Sahih/Authentic.] [Abu Dawood]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sahaaboota isaanii gorsa jabaa qalbiin irraa sodaatte, kan ijji irraa imimmaan dhangalaafte gorsanii jennaan, Isaanis akkana jedhaniin: Yaa Ergamaa Rabbii gorsi kun gorsa dhaammataati fakkaata, gorsicha keessatti jabeessuu isaanii waan arganiif akkas jedhaniin, kanaafuu dhaamsa booda isaanitii isa qabatanii irra jiraatan isaan irraa barbaadan, Isaanis akkana jedhan: dirqamoota raawwachuu fi dhoorgaalee dhiisuun Rabbii ol ta'e sodaachun isinii dhaama, Akkasumas hooggantootaaf dhagayuu fi ajajamuudhaan isinii dhaama, osoo gabrichi wahii isinirratti moohellee, kana jechuunis uumama keessaa inni gadi aanaan bulchaa keessan ta’ellee hin didinaa isa tole jedhaa, fitnaan faca'uu soodaaf jecha, isin keessaa namni jiraate waldhabdee hedduudha arguuf taa'a. Eegasii karaa waldhabdee kana irraa ittiin bahan isaanii ibsan, sun sunnaa isaaniitii fi sunnaa qajeeloo fi qajeelfamoo booda isaanitii ta'an kan akka Abuu Bakr alssiddiiq, Umar bin Al-khaxxaab, Usmaan bin Affaani fi Aliyyi bin Abii Xaalibii qabachuudhaani, Rabbiin isaan hunda irraa haa jaallatu, akkasumas a'oo xumura ilkaanitti jiruun irratti ciniinuudhaani, kana jechuun sunnaa qabatanii itti hojjachuu keessatti cimuudha baana, Wantoota bid'aa ta'an kan guyyaa keessaa amantii keessatti argamsiifaman irraa isaan akeekkachiisan, hundummaan bid'aa jal'ina waan ta'eef jecha.

فوائد الحديث

Barbaachisummaa Sunnaa qabachuu fi ishee hordofuuti.

Gorsaa fi waan kheyrii himuun qalbii laaffisuuf xiyyooffannoo kennuudha.

Booda isaanitii khaliifota afran qajeeloo fi qajeelfamoo ta'an kan Abuu Bakr, Umar, Usmaani fi Aliyyii -Rabbii isaan irraa haa jaallatu- hordofutti ajajuudha.

Amantii keessatti waan hin jirre galchuu irraa dhoorguu fi hundummaan bid'aa jal'ina ta'uu ibsuudha.

Bulchaa mu'uminootaaf yoo inni dilitti nama hin ajajin dhagayuu fi tole jechuudha.

Yeroo fi haala hunda keessatti Rabbiin sodaachuun barbaachisaa ta'uudha.

Waldhabdeen ummata kana keessatti argamaadha, yeroo inni argametti immoo gara Sunnaa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkasumas gara sunnaa Khaliifotaa qajeeloo ta'anii deebi’uun dirqama ta'a.