Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- salaata zuhrii dura raka’aa afur, raka'aa lama ammoo salaata subhii dura salaatuu kan hin dhiisne turan

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- salaata zuhrii dura raka’aa afur, raka'aa lama ammoo salaata subhii dura salaatuu kan hin dhiisne turan

Aa'ishaa Haadha Mu'mintootaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- salaata zuhrii dura raka’aa afur, raka'aa lama ammoo salaata subhii dura salaatuu kan hin dhiisne turan.

[sirrii] [Bukhaariitu gabaase]

الشرح

Aa'ishaan -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo hunda mana ishee keessatti salaata sunnaa salaataa akka turanii fi akka hin dhiifne himte: zuhrii dura raka'aa afur, salaamata lamaan, subhii dura ammoo rak'aa lama kan hin dhiifne turan.n

فوائد الحديث

Zuhrii dura rak'aa afur, salaata subhii dura ammoo raka'aa lama salaatuun fi irratti eeggachuun jaallatamaa ta'uudha.

Irra caalaan salaanni sunnaa manatti salaatamuudha, kanaaf Aa'ishaan -Rabbiin irraa haa jaallatu- waa'ee kanaa irraa odeessite.

التصنيفات

sunnaa fardii jala deemtu