Namni dubara lama hanga umrii dargaggummaa ga’anitti guddise, anaa fi inni guyyaa qiyaamaa ni dhufna» jedhanii qubbeen isaanii walitti qaban

Namni dubara lama hanga umrii dargaggummaa ga’anitti guddise, anaa fi inni guyyaa qiyaamaa ni dhufna» jedhanii qubbeen isaanii walitti qaban

ِAnas bin Maalik irraa akka odeeffametti- Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Namni dubara lama hanga umrii dargaggummaa ga’anitti guddise, anaa fi inni guyyaa qiyaamaa ni dhufna» jedhanii qubbeen isaanii walitti qaban.

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni ijoollee dubaraa lama ykn obboleettii lama kennamee, hanga guddatanii baallaghanitti deeggersaan, tarbiyaan, kheyrii keessatti qajeelfama isaanif kennuun, hamtuu fi waan sana fakkaatu irraa isaan baqachiisuun isaan tajaajile; guyyaa Qiyaamaa innii fi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-akka quba lamaanii kanatti dhufan, quba agarsiiftuu fi quba gidduu walitti qabanii akkas jedhani.

فوائد الحديث

Nama ijoollee dubaraa hanga isaan heerumanitti ykn baallaghanitti isaan deeggaruun tarbiyaa isaanif godhuun isaan tajaajileef mindaa guddaan akka jiruudha, akkasumas obboleewwan dubaraa.

Mindaan ijoollee durbaa kunuunsuu mindaa ijoollee dhiiraa kunuunsuu caalaa guddaadha; Wanti akkasii isaan (ijoollee dhiiraa) irratti waan hin kaafamneef jecha; kunis deeggarsi shamarranii fi xiyyeeffannaan dhimma isaaniif kennamu kan ijoollee dhiiraa caalaa waan ta’eef, akkasumas ijoolleen dubaraa akka qaama saalaatti waan ilaalamanif dhimma isaanii itti aananii akka ijoollee dhiiratti oofachuu waan hin dandeenyeef jecha, akkasumas fedhii abbaan diinota isaa irratti ol aantummaa argachuuf yaaluun isaan waan wal hin qabanneef echa, maqaa isaa jiraachisuu fi hidda dhaloota isaa itti fufsiisuu fi kan kana fakkaataniif akka dhiirota irraa kajeellaa qabanitti isaan irraa waan kajeellaa hin qabneef jecha; kanaaf sun nama baasii isaanif baasu irratti obsaa fi ikhlaasa barbaada, niyyaa gaarii waliin, sababaa kanaatiin mindaan isaa guddaa ta'ee, guyyaa qiyaamaa saahiba Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ta'e.

Mallattooleen baallaghuu dubartii: Waggaa kudha shan guutuudha, ykn dhiiga laguu arguudha osoo waggaa kudha shan durattillee ta'ee, ykn naannoo qaama saalaatti rifeensa biqiluudha, ykn hirriba keessatti abjuu arguudha, kunis hirriba keessatti bishaan sanyii fedhiin buusuu dha.

Al-Qurxuubiin akkana jedhe: baallaghuu isaanitta kan fedhamu haala ofuma isaaniitiin walaba ta’anii jiraachuu irra ga’uudha. Kun dubartoota keessatti kan ta'u hanga abbaan manaa isaanii wal qunnamtii saalaa isaanitti raawwatutti waan ta'eef, hanga dhiiga laguu argitutee itti gaafatamummaa baattutti jechuu miti; Sana duratti heerumtee nama ishee deeggaru irraa of ga'u dandeessi waan ta'eef jecha, akkasumas osoo waa'ee isheetin of hin danda'in laguu arguu dandessi, haala kanaan yoo kan dhiifamtu ta'ee ni baddi haalli ishees ni bada, inumaayyuu haala kana keessatti, kunuunsaa fi eegumsa caalaatti ishee barbaachisa, akka haala gaariin bakka geessee carraa heerumaa argattuuf jecha, kanaaf eegaa ulamaa'onni akkana jechani: intala durbaa takka irratti baasii baasuun abbaa ishee irraa kan kufu isheen baallaghuun osoo hin taane heerumuu isheetiini.

التصنيفات

sadarkaa hojiilee gaggaarii