إعدادات العرض
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan yeroo biraa hin tattaafanne ji'a Ramadaanaa irraa kurnan boodaa keessatti kan tattaaffii godhan turan
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan yeroo biraa hin tattaafanne ji'a Ramadaanaa irraa kurnan boodaa keessatti kan tattaaffii godhan turan
Aa'ishaa Haadha Mu'mintootaa irraa akka odeeffametti, Rabbiin irraa haa jaallatu: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan yeroo biraa hin tattaafanne ji'a Ramadaanaa irraa kurnan boodaa keessatti kan tattaaffii godhan turan.
[sirrii] [Muslimtu gabaase]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල Nederlands Tiếng Việt অসমীয়া ગુજરાતી پښتو മലയാളം नेपाली ქართული Magyar తెలుగు Македонски Svenska Moore አማርኛ Română Українська ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری Wolof ភាសាខ្មែរ ಕನ್ನಡ Yorùbá Српски Lietuvių Malagasy Kinyarwanda Shqip தமிழ் မြန်မာالشرح
Guyyoonni kurnan dhumaa Ramadaanaa yeroo dhufanitti, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ibaadaa fi kheyrii adda addaa hojjachuu keessatti ni jajjabaatu ture, akkasumas gosoota kheyrii fi gosoota ibaadaa keessatti waan yeroo biraa jajjabaatan caalaa garmalee dabalanii, hojjataa turan; guddinaa fi sadarkaa halkanoowwan sun qabanii fi Leylatal qadr barbaaduuf jecha.فوائد الحديث
Walumaa galatti Ji’a Ramadaanaa keessattii fi keessattuu guyyoota kurnan dhumaa keessatti ibaadaa fi kheyrii adda addaa heddummeessuu irratti kakaasuudha.
Ji'a Ramadaanaa irraa guyyoonni kurnan dhumaa halkan digdamii tokkoffaa irraa eegalanii hanga dhuma baatiti.
Yeroolee caaloo ta'an kheyrii isaan keessatti hojjachuun saamachuun jaallatamaa akka ta'eedha.
التصنيفات
kurnan dhuma ramadaanaa