إعدادات العرض
Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu
Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu
Abuu Amri -Abuu Amraas jedhameera- Sufyaan ibnu Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nin jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu".
الترجمة
العربية Español አማርኛ English اردو Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Français Türkçe Русский Bosanski සිංහල हिन्दी 中文 فارسی Tiếng Việt Tagalog Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ ไทย Deutsch 日本語 پښتو অসমীয়া Shqip Svenska Nederlands ગુજરાતી Кыргызча नेपाली Yorùbá Lietuvių دری Српски Soomaali тоҷикӣ Kinyarwanda Română Magyar Čeština Moore Malagasy ಕನ್ನಡ Wolof Azərbaycan O‘zbek Українська ქართული Македонски ភាសាខ្មែរ Bambara ਪੰਜਾਬੀ मराठी Kirundi Kurmancî Bahasa Melayu Yaoالشرح
Sahaabaan Sufyaan bin Abdullaah -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- jecha hiikkaa Islaamummaa hunda of keessaatti hammate kan isa qabatee nama isaan hin tahin hin gaafanne akka isa barsiisan Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafate? Ergamaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhaniini: jedhi: Rabbiin tokkochoomse, Inni gooftaa kiyya, uumaa kiyyaa fi haqaan gabbaramaa kiyya kan hiriyaa hin qabne ta'uu itti amane, Sana booda dirqama Rabbii raawwachuu fi dhoorgoowwan Rabbii dhiisuudhaan ajajaa Rabbii jala butamee achumaan itti fufa.فوائد الحديث
Bu'urri amantii gooftummaa Rabbii, gabbartii Isaa, maqoolee Isaatii fi sifoowwan Isatti amanuudha.
Booda iimaanaatii barbaachisummaa ragga'uu, ibaadaa itti fufuutii fi sana irratti gadi dhaabbachuuti.
Amantiin qeebaltii dalagaatiif ulaagaadha.
Rabbitti amanuun bu'uraalee amantii, hundeelee isaatii fi hojiilee qalbii irraa waan sana jala galu waan itti amanuun dirqama t'e hunda hammata, akkasumas keessoo fi alaanis Rabbiif bitamuu fi masakamuudha ni hammata.
Istiqaamaa jechuun dirqamoota raawwachuu fi dhoorgaalee dhiisuun karaa qabachuudha.
