“salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatuu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala

“salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatuu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahamnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: “salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatuu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala, sababni isaas namni tokko akka gaaritti yeroo wuduu’a godhatee, eegasii salaata malee waan hojjatu tokko kan hin qabne gara masjiidaa dhufee, salaata qofa malee waan biraa kan hin feene, inni hanga masjiida seenutti tarkaanfii tokko hin tarkaanfatu, yoo sadarkaan isaa dabalee, diliin isaa irraa haqame malee, Yeroo masjiida seene waan salaatni waan biraa irraa kan isa daangessu ta'een inni salaatuma keessa jira, Malaa'ikoonnis hanga inni eddoo itti salaate sana keessatti jiruun akkana jechuu araarama isaaf kadhatan: Yaa Rabbi isaaf rahmata godhi, yaa Rabbi isaaf araarami, yaa Rabbi towbaa isa irratti deebi'i, waan inni miidhaa hin geessisiniin, ammas waan inni wuduu'a isaa hin balleessiniin”.

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- namni muslimaa tokko jama'aa keessatti yoo salaate, salaanni isaa sun salaata inni mana isaa yookaan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin akka caalu himan. Eegasii sababaa sanaa ibsan: innis namni tokko guutee tolchee yeroo wuduu’a godhatee, eegasii salaata malee wanni biraa kan manaa isaa irraa isa baafne haala ta'een gara masjiidaa bahee, inni tarkaanfii tokko hin tarkaanfatu, yoo sadarkaan isaa dabalamee, diliin isaa isa irraa haqame malee, Yeroo masjiida seenee salaata kan eeggatu haala ta'een taa'ee, inni waan salaata kan eeggatu ta'een mindaa salaataati argata, malaa'ikonnis hanga inni eddoo saalaataa sana keessa jiru akkana jechuun Rabbi isaaf kadhatan: “Yaa Rabbi isaaf araarami, yaa Rabbi rahmata isaaf godhi, yaa Rabbi towabaa isa irratti deebi'i, inni wuduu'a isaa waan hin balleessiniin, yookaan namoota yookaan malaa'ikoota waan miidhu waan hin hojjatiniin.

فوائد الحديث

Salaanni namni tokko mana isaa ykn suuqii isaa keessatti kophaa isaa salaatu sirriidha, garuu rakkoo tokko malee salaata jama'aa dhiisuu isaatiif ni dilaawa.

Masjiida keessatti jama’aan salaatuun salaata namni tokko kophaa isaa salaatu irraa sadarkaa digdamii shan ykn digadamii ja'a ykn digdamii torbaan caala.

Hojiilee malaa'ikootaa keessaa inni tokko mu'uminootaaf du'aa'ii gochuudha.

Wuduu’a godhatanii gara masjiidaa deemuun sadarkaa akka qabuudha.