“Guyyaa Qiyaamaa miidhaan dukkana waan ta’uuf, miidhaa irraa of eeggadhaa, doqnyummaa bololaan waliinii irraas of eeggadhaa, baraa doqnyummaa bololaan waliinitu warra isin dura turan balleesse,

“Guyyaa Qiyaamaa miidhaan dukkana waan ta’uuf, miidhaa irraa of eeggadhaa, doqnyummaa bololaan waliinii irraas of eeggadhaa, baraa doqnyummaa bololaan waliinitu warra isin dura turan balleesse,

Jaabir bin Abdullaah irraa odeeffame Rabbi isaan lamaan irraa haa jaalatu, Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: “Guyyaa Qiyaamaa miidhaan dukkana waan ta’uuf, miidhaa irraa of eeggadhaa, doqnyummaa bololaan waliinii irraas of eeggadhaa, baraa doqnyummaa bololaan waliinitu warra isin dura turan balleesse, Dhiiga isaanii akka dhangalaasan akkasumas haraama isaanii akka halaala godhatan isaan taasiseera".

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Nabiyyichi nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatuu, miidhaa irraa akeekkachiisaniiru, miidhaa irraayi: namoota miidhuu, lubbuu ofii miidhuu fi haqa Rabbii ol ta'ee keessatti miidhaa geessuun, Innis Nama haqa qabu hundaaf haqa isaa kennuu dhiisuudha, miidhaan immoo guyyaa qiyaamaatti rakkinoowwanii fi sodaan cimaan isaanitti argamuu irraa kan ka'een warra isaa irratti dukkanoowwan ta'a, Doqnyummaa cimaa isa waliin bololli jiru irraa dhoorgan, isa irraayi haqoota qabeenyan wal qabatan geessuu keessatti dantaa dhabuu fi garmalee duniyaaf bololuun, Gosti miidhaa kun ummata nu dura turan balleesse, gariin isaanii garii ajjeesuu fi waan Rabbiin haraama taasise halaala godhachuu irratti yeroo isaan kakaase keessatti.

فوائد الحديث

Qabeenya kennuu fi obboloota jajjabeessuun sababoota jaalalaa fi walitti dhufeenyaaf sababa ta’an keessaa isa tokko.

Futunuu fi bololuun gara diliiwwan, safuu dhabuu, fi yakkoota raawwachutti nama geessan.

Haala ummatoota darbanii tilmaama keessa galchuun gorsa fudhachuudha.