إعدادات العرض
Tokkoon keessan uffata tokko uffatee, ceekuu isaa lamaan irratti osoo homaa hin uffatin hin salaatin
Tokkoon keessan uffata tokko uffatee, ceekuu isaa lamaan irratti osoo homaa hin uffatin hin salaatin
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Tokkoon keessan uffata tokko uffatee, ceekuu isaa lamaan irratti osoo homaa hin uffatin hin salaatin».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Português Nederlands Tiếng Việt অসমীয়া ગુજરાતી Kiswahili پښتو සිංහල മലയാളം नेपाली Magyar ქართული తెలుగు Македонски Svenska Moore Română Українська ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری አማርኛ Wolof ភាសាខ្មែរ ಕನ್ನಡ Malagasy Kinyarwanda Српски Shqip தமிழ் မြန်မာالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni tokko osoo ceekuu isaa lamaan irra waan isa dhoksu hin kaayin uffata tokko keessatti akka hin salaanne dhoorgan; sababni isaas ceekuun lamaan qaama dhokatuu qabu (awraa) yoo ta’uu baatanillee isaan haguuguun barbaachisaa waan ta'eef jecha. kun yeroo Rabbii ol ta'e dura dhaabbatanii salaatan, isa kabajuu fi ulfina kennuufitti dhihaata.فوائد الحديث
Uffata tokko uffachuun waan haguugamuu qabu kan haguugee yoo ta’e salaatuun ni hayyamamaadha.
Uffata lama uffachuun salaatuun ni danda’ama, tokkoon isaanii qaama gara gubbaa kan haguugu yoo ta'u, inni kaan immoo jala kan haguuguudha.
Namni salaatu haala gaarii irra jiraachuun isaa ni jaallatamaadha.
Salaata keessatti hanga danda'ameen ceekuu lamaan ykn tokkoo isaan lamaanii dhoksuun dirqama ta'uudha, dhoorgaan kun qulqullummaafi jedhameera.
Sahaabonni, Rabbiin irraa haa jaallatu, qabeenya xiqqoo akka qabaniidha, hanga gariin isaanii uffata lama horachuu hin dandeenyetti.
Nawawiin hiika hadiisa kanaa ilaalchisee akkas jedhe: Ogummaan hadiisaa kanaa yeroo uffata isaa tokko marxifatee ceekuu isaa irra homaa hin kaayin awraan isaa(qaamni dhuunfaa isaa) mul'achuun mala, kun faallaa yeroo garii isaa ceekuu isaa irra godheeti, Akkasumas harka isaa tokkoon ykn harka isaa lamaanin isa qabachuutti haajama, sanaan shaaghalamee, sunnaan harka mirgaa bitaa irra kaa'ee qoma irra kaa'uu dhaba, bakka harka ol kaasuun itti karaa ta'ettis ol kaasuu fi kan biroos isaaf mijjachuu dhabu danda'a, sababni isaas isa keessatti qaama gubbaa fi bakka faayaa haguuggachuu dhiisuun waan jiruuf jecha, Rabbiin ol ta'e dhugumatti akkan jedhe: {Masjida hunda birattuu bareechifannaa (uffata) keessan qabadhaa} [Al-A’araaf: 31].
التصنيفات
Ulaagaalee Salaataa