إعدادات العرض
Namni booda salaata dirqamaa hundatti Aayatal-Kursii qara’e du’a malee wanti Jannata seenuu isa dhorgu hin jiru
Namni booda salaata dirqamaa hundatti Aayatal-Kursii qara’e du’a malee wanti Jannata seenuu isa dhorgu hin jiru
Abuu Umaamaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Namni booda salaata dirqamaa hundatti Aayatal-Kursii qara’e du’a malee wanti Jannata seenuu isa dhorgu hin jiru».
[sirrii]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Português دری অসমীয়া Tiếng Việt አማርኛ Svenska ไทย Yorùbá Кыргызча Kiswahili ગુજરાતી नेपाली Română മലയാളം Nederlands සිංහල తెలుగు پښتو Soomaali Kinyarwanda Malagasy ಕನ್ನಡ Српски Moore ქართულიالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni eega salaata waajibaa xumuree Aayatal-Kursii qara’e du’a malee wanti jannata seenuu isa dhorgu akka hin jirre himaniiru, isheenis suuraa baqaraa keessatti kan argamtu yoo tahu, jecha Rabbii ol tahee kana: {Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha. Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabu. Wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati. Inni hayyama Isaatiin malee Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beeka. Beekumsa Isaa irraa waan Inni fedhetti malee hin marsanu. Kursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateera. Isaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisu, Inni ol ta’aa, guddaadha}. [Baqaraa: 255].فوائد الحديث
Sadarkaa Aayanni guddoon tun qabduudha; Sababaa maqoolee babbareedoo fi amaloota ol’aanoo of keessatti qabatteef jecha.
Salaata dirqamaa hunda boodatti Aayata guddoo tana qara’uun jaalatamaa tahuudha.
Hojiin gaariin Jannata seenuuf sababaa akka taheedha.
التصنيفات
zikriiwwan salaataa