Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- raka’aa lamaan fajrii keessatti: {Qul Yaa Ayyuhal kaafiruun} fi {Qul huwa Allaahu Ahad} qara’aa turan

Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- raka’aa lamaan fajrii keessatti: {Qul Yaa Ayyuhal kaafiruun} fi {Qul huwa Allaahu Ahad} qara’aa turan

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- raka’aa lamaan fajrii keessatti: {Qul Yaa Ayyuhal kaafiruun} fi {Qul huwa Allaahu Ahad} qara’aa turan:

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- erga Faatihaa qara'anii booda raka'aa lamaan subhii duraa keessatti raka'aa duraa keessatti suuraa {Qul Yaa Ayyuhal kaafiruun}, Raka'aa lammaffaa keessatti ammoo Suuraa {Qul huwa Allahu Ahad} iin salaatuu jaallatan ture.

فوائد الحديث

Suuraalee lamaan kana Fatihaa booda Sunnaa Fajrii keessatti qara’uun ni jaallatamaadha.

Suuraaleen lamaan kun Suuraa Al-Ikhlaas jedhamu,Sababni isaas suuraa Al-Kafiruun keessatti waan mushrikoonni Rabbii gaditti gabbaran hunda irraa qulqullaa'uutu jira, akkasumas isaan gabroota Rabbiitii mitiitu keessa jira, shirkiin isaanii hojii isaanii waan jalaa balleessuu fi Rabbiin ol ta'e qoftu gabbartii waan haqa godhatuuf jecha, Suuraa Al-Ikhlaas keessa immoo Rabbiin tokkomsuu, ibaadaa isaaf qulqulleessuu fi sifaawwan isaa ibsuutu keessa jira.

التصنيفات

akkaataa salaataa