Ani wantoota shan kan na dura nama tokkoof hin kennaminin kenname

Ani wantoota shan kan na dura nama tokkoof hin kennaminin kenname

Jaabir bin Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Ani wantoota shan kan na dura nama tokkoof hin kennaminin kenname: Imala ji'a tokkoo irraa diinni na sodaachuunin tumsame, dachiin iddoo salaataa fi xaaharfannaa naaf taasifamte, Kanaaf ummata kiyya irraa namni kamuu kan salaanni itti geesse haa salaatuu, boojuun anaaf halaala ta'e, na dura nama kamiifuu halaala hin turre, shafaa'aan naaf kenname, Nabiyyiin tokko yeroo ergamu ummata isaa qofatti ergama, ani immoo walumaa galatti namootaaf ergame».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- wantoota shan kan Nabiyyoonni isaan dura turan keessaa namni tokkolleen hin kennamin akka Rabbiin isaanif kennne himan: Tokkoffaa: Anaa fi isaan gidduu imalli ji’a tokkoo yoo jiraatellee sodaan onnee diinota kootti darbatamuun tumsameera. Lammaffaa: Lafti bakka jirru hundatti akka salaannuuf masjiida fi bakka bishaan hin jirretti biyyeedhaan qulqulleessaa naaf taasifamteerti. Sadaffaa: Boojuun waraanaa nuuf hayyamameera, isheenis boojuu Muslimoonni lola kaafiroota waliin godhan keessatti fudhatanidha. Afraffaa: Guyyaa Qiyaamaa haala sodaachisaa irraa namoota bilisa baasuu keessatti shafaa'aan guddoon naaf kennameera. Shanaffaa: Ani gara uumama hundaatti ergame, nama isaanii fi jinnii isaaniitti, kuni faallaa nabiyyoota isaan dura turaniiti, isaan gara ummata isaanii qofatti kan ergaman ta'an.

فوائد الحديث

Gabrichi tokko qananiiwwan Rabbiin isaaf ta'e ishee beeksisuu fi Rabbiin irratti galateeffachuuf jecha ishee lakkaa'uun akka danda'amuudha.

Rabbiin ol tahe ummata kanaa fi Nabiyyii isaanii irratti wantoota kanaan tola akka ooleedha.

Haala kamiinuu ulaagaalee, ruknoowwanii fi dirqamoota ishee irraa waan danda'e raawwachuun salaata yeroon salaatuun dirqama ta'uudha.

Shafaa'aan Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- nabiyyoota biroo irraa adda qaban gosoota hedduu qaba; Isaan keessaa tokko: Uumamtoota jiddutti murteen akka godhamuuf isaanif shafaa'aa seenuu isaaniti. Isaan keessaa: warri jannataa jannata akka galaniif shafaa'aa seenuu isaaniti. Isaan keessaa ammas: addatti adeera isaanii Abuu Xaalib ibidda irraa bahuu osoo hin taane irraa salphisuu keessatti shafaa'aa seenuu isaaniti; inni waan kufrii irratti du'eef jecha.

Wantoota addatti Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, kan hadiisa kana keessatti hin dubbatamin hedduutu jira, Isaan keessaa: Jechoota walitti qabaa ta'an kennamuu, Xumuura Nabiyyoota tahuu isaanii, Tarreen keenya akka tarree malaa'ikootaa tahuu fi wantoota irraa kanneen birooti.

التصنيفات

nabii keenya muhammad s.a.w.