إعدادات العرض
Namoota gosa sadi irraa qalamnni fuudhameera; nama rafu hanga dammaqutti, daa'ima hanga baallaghutti, maraataa hanga sammuun itti deebi'utti
Namoota gosa sadi irraa qalamnni fuudhameera; nama rafu hanga dammaqutti, daa'ima hanga baallaghutti, maraataa hanga sammuun itti deebi'utti
Aliyyi irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namoota gosa sadi irraa qalamnni fuudhameera; nama rafu hanga dammaqutti, daa'ima hanga baallaghutti, maraataa hanga sammuun itti deebi'utti».
الترجمة
العربية Bosanski English فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Türkçe اردو हिन्दी 中文 Kurdî Português অসমীয়া Kiswahili Tagalog ગુજરાતી Tiếng Việt Nederlands සිංහල پښتو Hausa മലയാളം नेपाली Кыргызча Română Svenska తెలుగు ქართული Moore Српски Magyar Македонски Čeština Українська አማርኛ Malagasy Kinyarwanda Wolof ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری বাংলা ភាសាខ្មែរ Lietuvių Deutsch ಕನ್ನಡالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoota gosa sadeen kana malee ilmaan Aadam dirqamni yeroo hunda akka isaanin adda hin baane himani. Daa'ima xiqqaa hangaa guuddatee baallaghutti. akkasuma maraataa sammuu hin qabne hanga sammuun isaa isatti deebi'utti. akkasuma nama rafu irraa hanga dammaqutti. dirqamni kaa'amuun isaan irraa fuudhamee jira, badiin hojjatanus isaanitti hin barraa'u, garuu daa'ima xiqqaaf toltuun ni barreeffama; maraataa fi nama rafuun alatti; isaan lameen itti dhaga'amuun waan isaan irraa deemeef jecha isaan daangaa nama ibaadaan isaa sirrii taatee irraa qebalamtuu keessa waan hin jirreef jecha.فوائد الحديث
Namni itti gaafatamummaa jalaa ba'uun takkaahuu sababaa hirriba isa dammaqqii inni dirqama isaa ittiin ba'atu dhoorgeef ta'a, yookaan sababaa umurii xiqqeenyaa isa inni isaa woliin itti gaafatamummaa dhabuun ta'a, yookaan immoo sababaa maraatummaa isa isaan woliin dalagaan sammuu wol makateen ta'a, yookaan immoo waan kanatti qaqqabsiifamu kan akka machii faan ta'a, namni adda baafannaa fi hubannaa sirrii ta'e dhabe, sababoowwan sadan kana keessaa sababa tokkoon itti gaafatamummaan isa irraa ni ka'a; Rabbiin ol ta'e haqummaa isaatiin, obsa isaatii fi arjummaa isaatiin daangaa darbuun yookaan haqa Rabbii hirdhisuun waan nama akkanaa irraa argamu keessatti itti gafatamummaa isa irraa kaasee jira.
badiin isaan irratti barraa'uu dhabuun, garii murtoo duuniyaa isaan irratti ragga'uun wol hin faallessu; sun akka maraataa nama ajjeeseeti, qisaasaa fi kaffaaraan isa irra hin jiru, fira isaa irra gumaatu jira.
Baallaghuuf mallattoo sadi'itu jira: hirriba keessaa fi karaa biroon bishaan sanyii dhangala'uudha, yookaan naannawa qaama saalaatti rifeensi biqiluudha, yookaan woggaa kudha shan guutuudha, dubartiin waan afraffaa dabalatti: innis laguudha.
Aalimni islaama Assubkiin akkas jedhe: daa'imni gurbaadha, kan biroos akkana jedhe: mucaan garaa haadha isaa keessatti miciree jedhama, yeroo dhalate daa'ima jedhama, yeroo harma gu'e immoo hanga woggaa torbaatti gurbaa jedhama, eegasii hanga woggaa kudhaniitti korree jedhama, eegasii hanga woggaa kudha shaniitti dargaggeessa jedhama, kan mirkanaan dubbatamu haalowwan kanneen hunda keessatti inni daa'ima jedhamee waamamuudha, assuyuuxiitu kana jedhe.
التصنيفات
Ulaagaalee Salaataa