إعدادات العرض
waan gaafattan irra waan caaluutti isin akeekuu? yeroo bakka ciisichaa qabattan- yookaan firaasha keessanitti ol baatan- yeroo soddomii sadi Rabbiin qulqulleessaa, yeroo soddomii sadi Rabbiin faarsaa, yeroo soddomii afur Rabbiin guddisaa, inni kun hojjataa qabaachuu irra isiniif caala
waan gaafattan irra waan caaluutti isin akeekuu? yeroo bakka ciisichaa qabattan- yookaan firaasha keessanitti ol baatan- yeroo soddomii sadi Rabbiin qulqulleessaa, yeroo soddomii sadi Rabbiin faarsaa, yeroo soddomii afur Rabbiin guddisaa, inni kun hojjataa qabaachuu irra isiniif caala
Aliyyiin irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa iraa haa jaallatu- Faaximaan -Rabbi isii irraa haa jaallatu- sababaa dhagaa waa ittiin daaktuutiin dhukkubbii harka isiitti dhaga'amu itti himachuuf jecha gara nabiyyitti dhufte -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan dhuftes akka garbichi isaaniif dhufe isii qaqqabeeti, garuu dhuftee waan isaan argachuu hin danda'iniif, waan ta'e sana Aa'ishaatti himte, isiinis yeroo isaan dhufanitti isaanitti himte, Aliyyiin akkana jedhe: nuhii bakka hirriibaa qabatee hirriibaaf qophaa'ee nutti dhufanii, isaaniif dhaabbachuuf jennaan, «Bakka keessanii hin sochoo'inaa» jechuun nu bira dhufanii gidduu kootii fi gidduu isii taa'ani, hanga qabbanni faana isaanii lameenii garaa koo irratti natti dhaga'amutti, eegasii akkas jedhani: «waan gaafattan irra waan caaluutti isin akeekuu? yeroo bakka ciisichaa qabattan- yookaan firaasha keessanitti ol baatan- yeroo soddomii sadi Rabbiin qulqulleessaa, yeroo soddomii sadi Rabbiin faarsaa, yeroo soddomii afur Rabbiin guddisaa, inni kun hojjataa qabaachuu irra isiniif caala».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Português සිංහල অসমীয়া Kiswahili Tiếng Việt ગુજરાતી Nederlands پښتو नेपाली മലയാളം Svenska Кыргызча Română Српски తెలుగు ქართული Moore Magyar Македонски Čeština ಕನ್ನಡ Українська Azərbaycan Kinyarwanda Wolof Malagasy ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری አማርኛ Deutsch ភាសាខ្មែរ Lietuviųالشرح
Faaximaan -Rabbi isii irraa haa jaallatu- intalti nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sababaa dhagaa ittiin waa daaktuutiin dhukkubbii harka isiitti dhaga'mu nabiyyiitti himatte -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo boojuun gara nabiyyii dhufetti boojuu kana keessaa kaadima gaafachuuf jecha gara isaaniitti dhufte; hojii mana keessaa isii irraa bakka bu'ee akka hojjatuuf jecha, haa ta'u malee manatti isaan argachuu hin dandeenye, Aa'ishaa argattee -Rabbiin isii irraa haa jaallatuu- waa'ee sanaa isiitti himte, Aa'ishaanis yeroo nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara manaatti deebi'anitti faaximaan khaadima isaan gaafachuuf jecha akka dhuftee turte isaanitti himte, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaanii hirribaaf qophaa'aa jiruu gara mana faaximaa fi aliyyiitti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- deemuun, gidduu isaanii taa'ani hanga qabbanni faana isaanii garaa aliyyiitti beekame tokkotti, eegasii akkas jedhaniin: khaadiman isiniif kennuu na gaafattan irra waan caalaa ta'etti isin akeekuu? isaanis, ee nu akeeki jedhani, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: yeroo hirribaaf jecha halkan bakka ciisichaa keessan qabattan, yeroo soddomii afur ''Allaahu Akbar" jechuun Rabbiin guddisaa, akkasuma yeroo soddomii sadi "Subhaana Allaah" jechuun Rabbiin qulqulleessaa, akkasuma yeroo soddomii sadi "Alhamdulillaah" jechuun Rabbiin faarsaa; zikriin kun khaadima irra isiiniif caalaadha.فوائد الحديث
Zikrii kana itti fufiinsaan gochuun jaallatamaa ta'uu isaa, eegasii Aliyyiin dhaamsa nabiyyii kana halkan lola siffiinillee akka hin dhiifne beekamee jira.
Zikriin kun hirriba halkaniitti malee hin jedhamu, muslimiin biratti gabaasa mu'aaz shu'ubaa irraa gabaaseen "halkan yeroo bakka ciisichaa keessan qabattanitti" jechuutu jira.
Muslimni jalqaba halkaniitti zikrii kana dagatee dhuma isaatti yoo yaadate, yeruma yaadatetti isa jechuun rakkoo hin qabu;
Aliyyiin gabaasaan hadiisichaa jalqaba halkan lola siffiin irratti dagatee eegasii yaadchuun subhii dura waan isa jedheef jecha.
Aalimni islaamaa Al-muhallab jedhamu akkas jedhe: ilmi namaa aakhiraa duuniyaa caalchifachuu keessatti waan lubbuu ofii itti kakaasutti maatii isaas yoo kan danda'an ta'e kakaasuu akka qabuudha.
Aalimni islaamaa Ibnu Hajar Al-Asqalaaniin akkas jedhe: namni itti fufiinsaan isa jedhe baay'ina hojiitiin hin miidhamu, dadhabbiin isatti yoo dhaga'amellee isatti hin jabaatu.
Aalimni islaamaa Aynii jedhamu akkas jedhe: wonti inni irra caaleef xikriin Aakhiraatti waan rarra'uuf jecha, khaadimni immoo duuniyaatti waan rarra'uuf jecha, Aakhiraan irra caaltuu fi haftuudha, yookaan immoo sababaa zikrii kanaatiin humni isiin khidmaa irratti khaadima irra caalaa ittiin hojjattu isiidhaaf argamuudha.
التصنيفات
waan dhufeef zikrii jedhan