Eenyu hiyyeessa akka ta'e beektuu?

Eenyu hiyyeessa akka ta'e beektuu?

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Eenyu hiyyeessa akka ta'e beektuu?» nu keessatti hiyyeessa jechuun nama dirhamas(maallaqaa) meeshaas hin qabne jedhani, ergamaanis ni jedhani: «ummata koo irraa hiyyeessa jechuun nama guyyaa qiyaamaa salaata, soomaa fi zakaan dhufee, isa kana arrabsee, isa kana immoo maqaa xureessee waan inni hin qabne irra kaa'ee, qabeenya isa kanaa immoo nyaatee, dhiiga isa kanaa immoo dhangalaasee, isa kana immoo rukutee kan dhufe, inni kun toltuu isaa irraa kennamaaf, isa kanaafis toltuu isaa irraa kennamaaf, waan isa irra jiru kaffalee osoo hin fixin toltuun isaa yoo dhumte immoo, badiin isaanii irraa fuudhamee isa irratti fe'amee, eegasii ibiddatti darbama».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hiyyeessi eenyuun akka ta'e beektuu? jedhanii sahaabota isaanii gaafatani, isaanis nu keessatti hiyyeessa jechuun nam maallaqas meeshaas hin qabnedha jedhani, ergamaanis akkas jechuun deebisaniifi; ummata koo irraa hiyyeessa jechuun nama guyyaa qiyaamaa hojii gaggaarii irraa salaata, soomaa fi zakaadhaan dhufee, isa kana arrabsee, isa kan immoo maqaa xureessee, qabeenya isa kanaa immoo nyaatee isa waakkatee, dhiiga isa kanaa immoo dhangalaasee isa miidhee, isa kana immoo rukutee isa xinneessee, miidhamaan toltuu isaa irraa ni kennama, haqaa fi miidhaa isa irra jiru osoo hin kaffalin toltuun isaa yoo dhumte immoo, badiin miidhamtootaa irraa fuudhamee barruulee namicha isaan miidhee sana irra kaa'ama, eegasii toltuun waan isaaf hin hafiniif ibiddatti darbama.

فوائد الحديث

Haraama keessatti kufuu irraa sodaachisuutu keessa jira, keessattuu haqa gabrootaa kan wantootaa fi kabajaan wol qabatu keessatti.

Haqni uumamtootaa gidduu isaaniitti himannaa irratti hundaa'a, haqni uumaa immoo wonti shirkiin ala jiru dhiifama irratti hundaa'a.

Adeemsa marii nama dhageeffatu hawwatuu fi ilaalcha isaa dammaqsu akkasuma yaada isaa kakaasu fayyadamuudha, keessattuu guddisaa fi qajeelcha keessatti.

Hiikkaa hiyyeessaa isa dhugaa ifa galchuutu keessa jira, inni isa miidhamtoonni isaa guyyaa qiyaamaa hojiiwwan isaa gaggaarii isa jalaa fudhatanudha.

Guyya qiyaamaa hanga wonti tokko isii irraa hin hafnetti toltuun hundi gumaaf kaffalamuutu jira.

Wolitti dhufeenyi Rabbiin uumaa isaa woliin qabu hundi wol qixxummmaa fi haqa irratti gadi dhaabbata.

التصنيفات

jiruu aakhiraa., amala badaa