“Masjiida kiyya kana keessatti salaanni tokko Masjiida biraa irra mindaa salaata kuma tokkootin caala, Al-Masjiidal Haraam malee

“Masjiida kiyya kana keessatti salaanni tokko Masjiida biraa irra mindaa salaata kuma tokkootin caala, Al-Masjiidal Haraam malee

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee, Rabbiin irraa haa jaallatu: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: “Masjiida kiyya kana keessatti salaanni tokko Masjiida biraa irra mindaa salaata kuma tokkootin caala, Al-Masjiidal Haraam malee".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sadarkaa masjiida isaanii keessatti salaatuun qabuu fi mindaan sanaa masjiidowwan lafaa irraa salaata masjiida biraa keessatti salaatatamu irra salaata kuma tokkoon akka caalu ibsan, Masjiida haraamaa kan Makka jiru yoo ta'e malee, salaanni isa keessatti salaatamu salaata masjiida Rasuulaa -nagaa fi rhmanni irra haa jiraatu- keessatti salaatamu caala.

فوائد الحديث

Mindaan salaataa Al-Masjiidal Haraami fi Masjiid nabawii keessatti dachaa akka ta'eedha.

Salaanni Al-Masjiidal Haraam keessatti salaatamu kuma dhibba tokko kan masjiidota biroo keessatti salaatamu caala.

التصنيفات

Rulings of the Prophet's Mosque, hukmi sudujaa