“Rabbiin ol tahe akkana jedha: Anaa fi garbicha koo gidduutti salaata walakkaa lamatti qoode.Gabrichi kootif immoo waan inni gaafatetu isaaf jira

“Rabbiin ol tahe akkana jedha: Anaa fi garbicha koo gidduutti salaata walakkaa lamatti qoode.Gabrichi kootif immoo waan inni gaafatetu isaaf jira

Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhuun dhaga'e: “Rabbiin ol tahe akkana jedha: Anaa fi garbicha koo gidduutti salaata walakkaa lamatti qoode.Gabrichi kootif immoo waan inni gaafatetu isaaf jira. Yeroo gabrichi jedhe: {Al-hamdu Lillaahi Rabbil Aalamiin}, jechuunis: Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa Aalamaati, jechuudha, Rabbiin ol ta'e ammoo akkana jedha: Garbichi koo Na faarse, Yeroo jedhe: {Arrahmaanirrahiim}, jechuunis: Akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa jechuudha, Rabbiin ol ta'ees ni jedha: gabrichi koo deddeebi'ee na faarse. Yeroo jedhe: {Maaliki yowmiddiin}, jechuunis: Mootii guyyaa murtii jechuudha, Rabbiin ol ta'e ammoo akkana jedha: Garbichi koo na guddise, yemmuu tokko ammoo ni jedha: Gabrichi koo waa'ee isaa natti hirkise. Yeroo jedhe: {Iyaaaka na'abudu wa iyyaaka nasta'iin}, jechuunis: Sima qofa gabbarra sima qofaan gargaarsifanna jechuudha, Rabbiinis ni jedha: "Kuni anaa fi gabricha koo jidduu jira, wanti inni kadhate hundi gabricha kootif ni ta'a. yeroo gabrichi jedhe: {Ihdinas-siraaxal Mustaqiim siraaxallaziina An amta Aleyhim geyril magduubi Aleyhim waladdaaliin}, jechuunis: Karaa qajeelaa irratti nu qajeelchi, karaa warra ati qananiiftee san nu qajeelchi, karaa warra ati itti dheekkamtee miti, akkasumas karaa warra jallatee miti jechuudha, Rabbinis ni jedha: Kuni gabricha kootiif, gabricha kootiif ammoo wanti inni kadhate ni tahaaf.

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Rabbiin ol ta'e Hadiisa qudsii keessatti akka akkana jedhe himan: Salaata keessatti Anaa fi gabricha kiyya jidduutti suuraa Al-Fatihaa walakkaa lamatti qoode, walakkaan tokko kan kooti, ​​walakkaan biraa ammoo kan gabricha kootiti. Walakkaan jalqabaa: faaruu, galateeffannaa fi Rabbiin guddisuudha, kana irratti mindaa hundarra gaarii ta’een isa mindeessa. Walakkaan lammaffaa: Kadhannaa fi of gadi qabuudha, Ani isaaf owwaadhee waan inni kadhate isaaf kenna. Namichi salaatu yeroo jedhe: {Alhamdu Lillaah Rabbil Aalamiin}, Rabbiin ammoo gabrichi koo na faarse jedha, yeroo (gabrichi) jedhe: {Arrahmaanirrahiim}, Rabbiinis ni jedha: "Gabrichi kiyya deddeebi'ee na faarse, akkasumas waliigala tola ooltummaa Ani uumama kootif godhettillee amane, yeroo gabrichi jedhe: {Maaliki Yowmiddiin}, Rabbiinis ni jedha: Garbichi koo Na guddise, innis kabajaa guddaadha. Yeroo gabrichi jedhe: {Iyyaaka na'abudu wa iyyaaka nasta'iin}, Rabbiinis akkana jedha: Kuni Anaa fi gabricha koo jidduutti ta'a. Walakkaan inni jalqabaa Aayaa tan irraa kan Rabbiiti, ​​innis: (Sima qofa gabbarra) jechuudha, kunis gabbartii Rabbiif raggaasisanii Isa gabbaruudhaan owwannaa argamsiisuudha, isa kanaani walakkaan Rabbii xumurama. Walakkaan lammaffaa Aayaa irraa kan garbichaati, innis: (Iyyaaka Nasta'iin), inni gargaarsa Rabbi irraa barbaaduudha, akkasumas Inni (Rabbiin) nu gargaaruuf waadaa nuuf galuu isaati. Yeroo jedhe: {Ihdinassiraaxal Mustaqiim, siraaxallaziina An'amta Aleyhim, geyril Magduubi Aleyhim, Waladdaaliin}, Rabbinis ni jedha: Kun of gadi qabuu fi kadhannaa gabricha kiyyaati, gabricha kiyyaaf wanti inni gaafate hundi ni ta'a, kadhaa isaatifis deebii kenneera.

فوائد الحديث

Dhimmi Faatihaa guddaa ta'uudha, kanaaf Rabbiin ol ta’e (salaata) jedhee isii moggaase.

Rabbiin Ol ta'e, garbicha isaatti dhimmamuu ibsuudha, sababa gabrichi Isa faarsee Isa guddiseef gabricha Isaa faarsee waan inni Isa kadhate hunda isaaf akka kennu waadaa isaaf gale.

Suuraan kabajamtuun tun:- Rabbiin faarsuu, guyyaa qiyaamaa yaadachuu, Rabbiin kadhachuu, ibaadaa Isa qofaaf qulqulleessuu, karaa qajeelaa irratti qajeelfama kadhachuu fi daandii sobaa irraa akeekkachiisuu of keessatti hammatteerti.

Namni salaatu -yeroo Faatihaa qara’u- Hadiisa kana yaadachuun salaata keessatti khushuu'a isaaf dabala.

التصنيفات

sadarkaa suuraaleefii aayatootaa, sadarkaa qur'aana kabajamaa