Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti warri irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessani

Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti warri irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessani

Aa'ishaa Haadha Mu’umintootaa irraa odeeffame Rabbiin ishee irraa haa jaalatu akkas jette: Mana meeshaa kiyya girdoo fakkii of keessaa qabuun hagoogee osoon jiruu Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- natti ol seenanii, yeruma isa argan fuulli isaanii jijjiiramee isa baqassanii, akkana jedhan: "Yaa Aa'ishaa, Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti warri irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessani, Aa'ishaanis akkana jette: "isa mummurree boraatii tokko ykn lama irraa tolchine".

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, mana isaanii Aa'ishaa irratti -Rabbiin irra haa jaalatu- ol seenanii, dhugumatti mana xiqqaa meeshaan keessa kaayamu girdoo of keessaa fakkii labbu qabeeyyii qabuun haala isheen hagoogdeen ishee arganii, aaranii bifti fuula isaanii jijjiiramee isa buqqisanii, akkas jedhan: Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti namoonni irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessanii fakkii kaasani. Aa'ishaan akkana jette: "boraatii tokko ykn lama isa irraa tolchine”.

فوائد الحديث

Waan sana keessatti badiin irraa guddaa ta'e hin jiraatiniin badii yeroo arganitti mormuu fi booda aansuu dhabuudha.

Adabbiin Guyyaa Qiyaamaa akka guddina diliitin garaagarummaa qaba.

Lubbu qabeeyyii suuraa kaasuun diliiwwan gurguddoo ta'an irraayi.

Sababoowwan suuraa kaasuun dhorgameef keessaa inni tokko uumama Rabbii ol ta'ee fakkeessuudha, namni suuraa kaasu sana yaadus ykn yaaduu baatus tokkuma.

Qabeenya waan isa keessatti haraama ta'u irraa fageessanii eeggatanii itti fayyadamuu irratti bolola shari'aan qabduudha.

Fakkii lubbu qabeeyyii bifa kamiinuu hojjechuu irraa dhorguudha, osoo xiqqeeffamtuu illee taatee.