Waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu?", namootnis ni jedhan: Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka, ergamaanis ni jedhan: "gabroottan koo irraa gariin anatti amanee gariin immoo anatti kafaree bule

Waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu?", namootnis ni jedhan: Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka, ergamaanis ni jedhan: "gabroottan koo irraa gariin anatti amanee gariin immoo anatti kafaree bule

Zaydii ilma Khaalid Al-juhanii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hudaybiyaatti halkan irraa rooba roobee ka'e booda salaata fajrii nuun salaatanii, eega salaata xumaraniin booda namootatti garagaluun akkana jedhan: "Waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu?", namootnis ni jedhan: Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka, ergamaanis ni jedhan: "gabroottan koo irraa gariin anatti amanee gariin immoo anatti kafaree bule, namni tola Rabbii fi rahmata Isaatiin roobfamne jedhe inni sun anatti kan amanee fi urjiiwwanitti kan kafareedha, namni sochii urjii akkasii fi akkasiitiin roobfamne jedhe immoo, inni sun anatti kan kafaree fi urjiiwwanitti kan amaneedha".

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hudaybiyaatti -isiin ganda makkatti dhihoo taate wahiiti- booda rooba halkan sana roobee ka'eetii salaata subhii salaatani, Salaamataa baafatanii salaata isaanii erga xumuraniin booda fuula isaanitiin ummatatti garagalanii, akkas jechuuun isaan gaafatan: waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu? Isaanis Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka jedhanii deebisaniif, Ni jedhan: Rabbiin ol ta'e namoonni yeroo roobni roobutti bakka lamatti akka qoodaman ifa galche: qooda Rabbii ol ta'etti amanee fi qooda Rabbii ol ta'etti kafareedha; Namni tola Rabbiitii fi rahmata isaatiin roobfamne jedhee, roobinsa roobaa Rabbii ol ta'etti hirkise; inni sun Rabbii uumaa uumama keessatti akk fedhe godhutti amanee urjiiwwanitti kafareera. Namni urjii akkasiitii fi akkasiitiin roobfamne jedhe immoo; inni sun Rabbitti kan kafaree fi urjiiwwanitti kan amaneedha, inni kufrii xiqoo ta'a buusinsa roobaa urjiiwwanitti waan hirkiseef jecha; Rabbiin shari'aa fi qadaratti sababaa isa godhuu dhabuu wajjiin, Namni roobiinsa roobaa fi taatewwan dachi kan biroo ba'iinsaa fi kufiinsa isii keessatti gara sochiiwwan urjiiwwanitti hirkise haala isiituu dhugaatti hojjataa jira jedhee amanuun, inni kufrii guddaa kafareera.

فوائد الحديث

Booda roobni roobeetii tola Rabbiitii fi rahmata isaatiin roobfamne jechuun jaallatamaa ta'uu isaati.

Namni qananii rooba roobsisuu fi kan birooo uumuu fi argamsiisuu keessatti gara urjiiwwaniitti hirkise inni kufrii guddaa kafareera, yoo inni sababaa ta'uu isaatiif hirkise immoo inni kufrii xiqqoo kafareera; waan inni sababaa shari'aan sababaa isa gootee fi sababaa muldhataa hin tahiniif jecha.

Qananiin yoo waakkatamte kafaruuf sababaa taati, akkasumas yoo galatoomfatamte iimaanaaf sababaa taati.

"Urjii akkasiitiif roobfamne" jechuu irraa dhoorguutu keessa jira, yoo kan yeroon itti yaadaame ta'ellee; karaa shirkii cufuuf jecha dhoorgame.

Qananii barbaaduu fi rakkina deebisuu keessatti qalbiin Rabbii ol ta'e irratti rarra'uun dirqama ta'uu isaati.