Laa ilaaha illallaah(haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru), hamtuu dhugaan dhihaatee jiruuf dhumaatiin arabootaaf ta'e!, hidhaa ya'ajuujii fi ma'ajuuj irraa hardha hangi kun baname

Laa ilaaha illallaah(haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru), hamtuu dhugaan dhihaatee jiruuf dhumaatiin arabootaaf ta'e!, hidhaa ya'ajuujii fi ma'ajuuj irraa hardha hangi kun baname

Zaynab bintu jahsh irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhaa rifataa isiitti ol seenani: «Laa ilaaha illallaah(haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru), hamtuu dhugaan dhihaatee jiruuf dhumaatiin arabootaaf ta'e!, hidhaa ya'ajuujii fi ma'ajuuj irraa hardha hangi kun baname» eegasii quba isaanii abbudduu fi kan itti aantee jirtuun geengessanii agarsiisani, zaynab bintu jahsh akkana jette: yaa ergamaa Rabbii: osoo worri gaggaariin nu keessa jiruu dhabamnaa? isaanis ni jedhani: «eeyyen badiin yoo heddummaate».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- rifataa fi sodaataa haala ta'aniin zaynab bintu jahshitti akkas jedhaa ol seenani -Rabbi isii irraa haa jaallatu-: 'Laa ilaaha illallaah" waan hamaa argamuuf malu beeksisaa, gama Rabbii deebi'uun malee isa irraa karaan ittiin bilisa ba'an hin jiru, eegasii nabiyyiin-Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: badiin arabootaaf ta'e hamtuu argamuun isaa hardha dhugaan dhihaateef, hardha hidhaa ya'ajuujii fi ma'ajuujitu baname, inni hidhaa isa zul qarnayniin ijaaredha, fakkaataa kanaa jechuun, quba isaanii abbudduu fi isa itti aanu geengessani. Zaynab -Rabbi isii irraa haa jaallatu- ni jette: Rabbiin akkamitti badii nutti fida osoo mu'umintoonni gaggaariin nu keessa jiranuu? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun isiidhaaf deebisani: fincilummaan, daangaa darbuun, badiiwwan, sagaagalummaan, farsoo fi kanneen biroo irraa badiin yeroo hedduummate balaan hunda wol ga'a.

فوائد الحديث

Rifaatuun qalbii mu'uminaa zikrii Rabbii irraa hin dhiphiftuudha; zikrii Rabbiitiin qalbiin waan tasgabbooftuuf jecha.

Badii irraa dhoorguu fi argamuu isii ittisuutti kakaasuudha.

Balaan sababaa badiin heddummattee faffacaatee fi sababaa isii irraa dhoorguu dhabuutiin mudata, worri gaggaariin yoo heddummaatan illee.

Balaan namoota hundaa qabatti gaggaarii fi badaa isaaniis, garuu gaafa kaafaman hunduu niyyaa isaanii irratti kaafamu.

Jecha isaanii "arabootaaf dhumaatiin ta'e sharrii dhugaan dhihaateef" jedhuun araboota addatti foo'uun; yeroo isaan akkas jedhanitti isaantu irra guddaa worra gara islaamummaatti seenanii turani.

التصنيفات

mallatoolee qiyaamaa, qajeelfama isaa nikaahaafii warra isaa horatuu keessatti