xumuura salaata hundatti akkas jechuu hin dhiisin: Yaa Rabbi si yaadachuu, si galateeffachuu fi akka gaariitti si gabbaruu irratti na gargaari

xumuura salaata hundatti akkas jechuu hin dhiisin: Yaa Rabbi si yaadachuu, si galateeffachuu fi akka gaariitti si gabbaruu irratti na gargaari

Mu'aaz bin Jabal irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- harka isaa qabanii akkas jedhaniin: «Yaa Mu'aaz Rabbitti kakadhee ani si jaalladha», eegasii akkas jedhaniin: «Siifin Dhaama yaa Mu'aaz xumuura salaata hundatti akkas jechuu hin dhiisin: Yaa Rabbi si yaadachuu, si galateeffachuu fi akka gaariitti si gabbaruu irratti na gargaari».

[sirrii]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- harka Mu'aaz -Rabbiin irraa haa jaallatu- qabanii akkas jedhaniin: Yaa Mu'aaz Rabbitti kakadhee ani si jaalladha, ani siifin Dhaama yaa Mu'aaz xumura salaata hundatti akkas jechuu hin dhiisin: (Yaa Rabbi si yaadachuu irratti na gargaari) jechaa fi gocha gara kheyritti nama dhiheessu hunda keessatti. (Si galateeffachuu irratti) qananiin argamee balaan deebi'uudhaan. (Akka gaariittis Si gabbaruu irratti) Rabbiif dalagaa qulqulleessuu fi Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hordofuun.

فوائد الحديث

Nama tokko akka Rabbiif jecha isa jaalatan itti himuun karaa ta'uudha.

Salaata dirqamaa fi sunnaa hunda boodatti du'aa'ii kana gochuun jaalatamaa tahuudha.

Jechoota muraasa kanaan du'aa'ii godhachuu keessatti addunyaa fi aakhiratti waan barbaadan argachuun akka danda'amuudha.

Faayidaa Rabbiif jecha nama jaalachuun qabu keessaa dhugaa walii dhaamuu, gaarii waliif yaaduu fi karaa haqaa fi sodaa Rabbii irratti wal gargaaruudha.

Xiibiin akkana jedhe: Rabbiin zakkaruun jalqaba gammachuuti, Isa galateeffachuun immoo mala qananii argachuuti, Ibaadaa gaariin immoo isarraa barbaadamaan waan Rabbii ol ta'e irraa nama dagu irraa bilisa ta'uudha.

التصنيفات

zikriiwwan salaataa