Nabiyyii woliin suhuura goonee -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- eegasii slaataaf dhaabbatani, ani nan jedhe: azaana fi suhuura gidduu hangam ture? isaanis hanga Aayaa shantamaati jedhani

Nabiyyii woliin suhuura goonee -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- eegasii slaataaf dhaabbatani, ani nan jedhe: azaana fi suhuura gidduu hangam ture? isaanis hanga Aayaa shantamaati jedhani

Zayd ibnu Saabit irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyii woliin suhuura goonee -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- eegasii slaataaf dhaabbatani, ani nan jedhe: azaana fi suhuura gidduu hangam ture? isaanis hanga Aayaa shantamaati jedhani.

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Sahaabaan gariin -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- nabiyyii waliin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- suhuura godhanii, eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata fajrii salaatuuf jecha dhaabbatani. Anas Zaydiin akkas jedhe: -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- yeroon azaanaa fi suhuura xumuruu gidduu ture hangam ture? Zaydis -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: hanga Aayaa shantama giddu galeessa ta'eeti, dheeraas gabaabaas kan hin taane, dubbisa ariitii fi suuta dubbifamus kan hin taane.

فوائد الحديث

Hanga fajrii dura waa xiqqootti suhuurii tursuun irra caalaa ta'uu isaa; yoo booda aanse qaamni akka jabaa isa irraa fayyadama, guyyaa keessas hedduu isa fayyada waan ta'eef jecha.

Bolola sahaabonni nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa barachuuf jecha isaaniin wolitti qabamuuf qabaniidha.

Woliin jireenya bareedaa nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sahaabota isaanii woliin qabaniidha, isaan woliin waan nyaataa turaniif jecha.

Yeroon waan soomana hiiku irraa of qabanu yeroo fajriin ba'u.

Jechi isaa: "azaana fi suhuura gidduun hangam ture" jedhu, kani itti fedhame suhuurii fi iqaamaa gidduudha; jecha isaanii hadiisa biraa keessatti: "suhuurii isaanii raawwatanii salaatatti seenuu isaanii gidduu hangam ture" jedhuuf jecha. hadiisonni gariin isaanii garii isaanii hiika.

Al-Muhallab akkas jedhe: hojii qaamaatiin yeroo lakkaa'uutu keessa jira, Araboonni hojiidhaan yeroo lakkaa'u ture, akka jecha isaanii: hanga re'een elmamtu, hanga gaalli gorra'amu, zayd ibnu Saabit -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- sana irraa hanga dubbisaatiin lakkaa'uutti kan inni deebi'eef; yeroon sun yeroo ibaadaa fi qaraatii akka ta'e itti akeekuuf jecha, hojiin alatti waan biraatiin lakka'uu osoo ta;ee silaa fakkeenyaaf akkana jedha ture: hanga sadarkaa, yookaan tokko sadaffaa yookaan tokko shanaffaa.

Ibnu Abii Jamraan akkas jedha: waan ummata isaanitti irra laafu ilaalanii hojjatu turani -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- osoo suhuura hin goone turee isaan hordofanii jennaan garii isaanitti waan jabaatuuf jecha, halkan wolakkaa keessa osoo suhuurii godhaniiru ta'ee sunis garii isaanii irratti ni jabaata, namoota hirribni isaan injifatu irraa, kun immoo gara salaata subhii dhiisuutti geessuutu mala yookaan hirriba malee buluuf qabsaa'uutti geessuutu mala.

التصنيفات

sunnaalee soomanaa