إعدادات العرض
Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti
Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti
Abuu Barzaa al-aslamii irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan. "Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti".
[sirrii] [tirmizii odeesse]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Português සිංහල Svenska ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá ئۇيغۇرچە Tiếng Việt Kiswahili پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or Malagasy नेपाली Čeština Română Nederlands Soomaali తెలుగు മലയാളം ไทย Српски Kinyarwanda ಕನ್ನಡ Lietuvių தமிழ் Wolof Українська Shqip ქართული Moore Magyarالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- namoota irraa namni tokkolleen hanga wantoota kenneen irraa gaafatamutti guyyaa qiyaamatti eddoo herregaa bira gara jannataa ykn ibiddaa akka hin dabarre himan: Tokkoffaan: Jiruu isaa maal keessatti akka isii fixeedha? Lammaffaan: Beekumsa isaa Rabbiif jecha bartee? itti hoo dalagee? nama maluuf hoo isa dabarseedha? Sadaffaan: Qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fide halaala moo haraama irraayii? maal keessatti baasii akka isa godhe waan Rabbiin jaallachiisu moo ykn waan Isa dallansiisu keessattii? Afraffaan: Qaama isaa, humna isaa, fayyaa isaati fi dargaggummaa isaa maal keessatti dabarseedha?فوائد الحديث
Jiruu ofii waan Rabbiin jaallachiisu keessatti fayyadamuu irratti kakaasuudha.
Qananiiwwan Rabbiin ol ta'e gabrootaaf godhe hedduudha, nama hundaayyuu qananii kana irraa gaafachuuf taa'a, kanaafuu qananiiwwan Rabbii waan Isa jaallachiisu keessa kaayuudha qabaadha.
التصنيفات
jiruu aakhiraa.