إعدادات العرض
Gara laafummaan waan tokko keessatti hin ta'u isa faayu malee, waan tokko irraa hin fuudhamu isa jibbisiisu malee
Gara laafummaan waan tokko keessatti hin ta'u isa faayu malee, waan tokko irraa hin fuudhamu isa jibbisiisu malee
Aa'ishaa haadha manaa nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Gara laafummaan waan tokko keessatti hin ta'u isa faayu malee, waan tokko irraa hin fuudhamu isa jibbisiisu malee».
[sirrii] [Muslimtu gabaase]
الترجمة
ar bn bs en es fa fr id ru tl tr ur zh hi vi si ku ha pt ml te my th de ja ps as sq sv cs gu yo nl ug sw ta prs hu kn ky lt mg ro rw ne sr wo so mos uk bg az ka tg bm mk am kmالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechaa fi gocha keessatti garaa laafuun, laaffisuun, suuta jechuun, wantootaaf bareedina, guutinaa fi tolina akka dabaluuf ibsani, akkasumas namni garaa laafu dhimma isaa argachuun akka isaaf malu ibsani. garaa laafuu dhabuun wantoota balleessa, abbaa isaas dhimma isaa argachuu irraa isa dhoorga, yoo argatellee rakkinaan woliin argata.فوائد الحديث
gara laafummaa haala godhachuutti kakaasuutu keessa jira.
gara laafinni ilma namaa ni faaya, inni dhimmoota diinii fi duuniyaa keessatti toltuu hundaaf sababa.
التصنيفات
amala gaarii