toltuu darbee waliin islaamummaa fudhatte

toltuu darbee waliin islaamummaa fudhatte

Hakiim ilma Hizaam irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nin jedhe:Yaa ergamaa Rabbii, jaahiliyyaa keessatti sadaqaa yookaan gabra bilisa baasuu fi firooma fufuu irraa wantoota an ittiin gabbara raawwadhuutu ture, isii keessatti mindaan naaf jiraa? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "toltuu darbee waliin islaamummaa fudhatte".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kaafirri yeroo islaamummaatti seene dhugumatti inni sadaqaa yookaan garbicha bilisa baasuu yookaan firooma fufuu irraa hojiiwwan gaggaarii waan islaamummaan duratti jaahiliyyummaa keessatti hojjataa ture irratti akka mindeeffamu ibsani.

فوائد الحديث

Toltuuwwan kaafiraa kan adduuniyaa keessatti hojjate yoo kufrii isaa irrattti du'e aakhiraatti isiin hin mindeeffamu.

التصنيفات

islaama