Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu

Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu

Sufyaan bin Abdullaah Al-Thaqafii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nin jedhee: Yaa Ergamaa Rabbii, Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu".

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Sahaabaan Sufyaan bin Abdullaah -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- jecha hiikkaa Islaamummaa hunda of keessaatti hammate kan isa qabatee nama isaan hin tahin hin gaafanne akka isa barsiisan Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafate? Ergamaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhaniini: jedhi: Rabbiin tokkochoomse, Inni gooftaa kiyya, uumaa kiyyaa fi haqaan gabbaramaa kiyya kan hiriyaa hin qabne ta'uu itti amane, Sana booda dirqama Rabbii raawwachuu fi dhoorgoowwan Rabbii dhiisuudhaan ajajaa Rabbii jala butamee achumaan itti fufa.

فوائد الحديث

Bu'urri amantii gooftummaa Rabbii, gabbartii Isaa, maqoolee Isaatii fi sifoowwan Isatti amanuudha.

Booda iimaanatii barbaachisummaa ragga'uu, ibaadaa itti fufuutii fi sana irratti gadi dhaabbachuuti.

Amantiin qeebaltii dalagaatiif ulaagaadha.

Rabbitti amanuun bu'uraalee amantii, hundeelee isaatii fi hojiilee qalbii irraa waan sana jala galu waan itti amanuun dirqama t'e hunda hammata, akkasumas keessoo fi alaanis Rabbiif bitamuu fi masakamuudha ni hammata.

Istiqaamaa jechuun dirqamoota raawwachuu fi dhoorgaalee dhiisuun karaa qabachuudha.

التصنيفات

Rabbii oltahetti amanuu, lubbuu qulqulleessuu