إعدادات العرض
Ilmi namaa yeroo du'e waa sadi malee hojiin isaa isa irraa cita: sadaqaa itti fuftuu taate malee, yookaan beekumsa namni itti fayyadamu malee, yookaan ilma gaarii du'aa'ii isaaf godhu malee
Ilmi namaa yeroo du'e waa sadi malee hojiin isaa isa irraa cita: sadaqaa itti fuftuu taate malee, yookaan beekumsa namni itti fayyadamu malee, yookaan ilma gaarii du'aa'ii isaaf godhu malee
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergmanaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Ilmi namaa yeroo du'e waa sadi malee hojiin isaa isa irraa cita: sadaqaa itti fuftuu taate malee, yookaan beekumsa namni itti fayyadamu malee, yookaan ilma gaarii du'aa'ii isaaf godhu malee».
الترجمة
العربية অসমীয়া ગુજરાતી Bahasa Indonesia Kiswahili Tagalog Tiếng Việt Nederlands සිංහල پښتو Hausa മലയാളം नेपाली Кыргызча English Svenska Română Kurdî Bosanski فارسی తెలుగు ქართული Moore Српски Magyar Português Македонски Čeština Русский Українська हिन्दी አማርኛ Azərbaycan Malagasy Kinyarwanda Wolof ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری Türkçe বাংলা ភាសាខ្មែរ Lietuvių اردو Deutsch ಕನ್ನಡالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin nama du'ee gaafa inni du'e irraa eegalee akka irraa citu himani, booda du'a isaatii wontoota sadeen kanaan yoo ta'e malee toltuun akka isaaf hin argamne himani; yeroo duuniyaa irra jirutti toltuu sanaaf sababa waan ta'eef jecha: Inni jalqabaa: sadaqaa isii mindaan isii yaa'uu fi itti fufu, kan adda hin cinne, akka woqfii, masjiida ijaaruu, eela qotuu fi kanneen biroo. Lammaffaan: beekumsa namoonni itti fayyadamanu, akka kitaabolee barnootaa barreessuu, yookaan nama wohii barsiisee jennaan, namni sun booda namni isa barsiise du'ee beekumsa sana facaasuufaati. Sadaffaan: Ilmoo mu'uminaa gaarii haadhaa fi abbaa isaatii du'aa'ii godhu.فوائد الحديث
sawaaba irraa wonti booda du'aatii ilma namaa qaqqabu: sadaqaa itti fuftuu, beekumsa namoonni itti fayyadamanii fi du'aa'ii akka ta'e worri beekumsaa wolii galanii jiru, hadiisa biroo keessatti hajjiinis dhufee jira.
hadiisa kana keessatti wantoota sadeen kana addatti kan dubbateef, hundee toltuu waan ta'anii fi irra hedduu waan worri toltuu hojjatu booda isaaniitii akka hafu barbaadan waan ta'aniif jecha.
hundi beekumsa namoonni itti fayyadamanuu mindaan nama isa dabrseef ni argama, garuu adda dureen immoo beekumsa shari'aatii fi kan isa gargaaranu.
wontoota kanneen saden keessaa beekumsi irra bu'a qabeessa isaaniiti; beekumsi namni isa baratu waan isatti fayyadamuuf jecha, akkasumas beekumsa keessa shari'aa eeguun waan jiruuf jecha, isa keessa akka wolii galaatti uumama fayyaduun waan jiruuf jecha, beekumsa kee irraa yeroo ati lubbuun jirtu kan jiruu fi booda du'a keetiitii kan jirus itti fayyadama waan ta'eef inni irra hunda qabataa fi irra hunda hammataadha.
ilmaan gaggarii guddisuutti kakaasuu; Aakhiraatti isaantu haadhaa fi abbaa isaanii fayyada waan ta'eef jecha, faaydaa isaanii keessaa isaan du'aa'ii isaaniif godhuudha.
booda du'a isaaniitii haadhaa fi abbaatti tola ooluutti kakaasuutu keessa jira, akkasuma kun toltuu ilmis irraa fayyadamu irraati.
du'aa'iin nama ilmaan ala jiru irraallee yoo ta'e ni fayyada, garuu addatti ilma kan dubbateef ilmi yeroo hedduu isatu hanga ofii du'utti itti fufiinsaan du'aa'ii godhaaf waan ta'eefi.