Tokkoon keessan yeroo hirriiba isaa irraa ka'e, sheexaanni funyaan isaa keessa waan buluuf, funyaan isaa yeroo sadii bishaan itti ol fudhatee gadi haa deeffatu

Tokkoon keessan yeroo hirriiba isaa irraa ka'e, sheexaanni funyaan isaa keessa waan buluuf, funyaan isaa yeroo sadii bishaan itti ol fudhatee gadi haa deeffatu

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti, Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Tokkoon keessan yeroo hirriiba isaa irraa ka'e, sheexaanni funyaan isaa keessa waan buluuf, funyaan isaa yeroo sadii bishaan itti ol fudhatee gadi haa deeffatu».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni hirriiba isaa irraa ka'e yeroo sadii "Istinsaara" akka godhu jajjabeessan. "Istinsaara" jechuun bishaan funyaanitti ol fudhatee gadi deebisuu dha, sababni isaas sheyxaanni funyaan isaa guutuu keessa waan buluufi.

فوائد الحديث

Nama hirriiba irraa dammaqeef funyaan isaa keessaa haftee sheyxaanaa balleessuuf bishaan funyaanitti ol fudhatee gadi deebisuun karaa godhamuudha, yoo kan wuduu’a godhatu ta'e ammoo bishaan funyaanitti ol fudhatee gadi deebisutti ajajuun yeroo sana ni jabeeffama.

Bishaan funyaanitti ol fudhatanii gadi deebisuun Faayidaa guutuu istinshaaqati, istinshaaqa jechuun keessoo funyaanii qulqulleessuu yoo ta'u, istinsaarri ammoo xurii sana bishaanin waliin baasuudha.

Hirriiba kana hirriiba halkaniitin wal qabsiisuun jecha “ni bula” jedhu irraa fudhatame; sababni isaas buluun hirriiba halkanii irraa malee hin ta'u, akkasumas hirriibni mallattoo namni gadi fageenyaan of kennee keessa turu waan ta'eefi.

Hadiisni kun ragaa sheyxaanni osoo hin beekin nama qabachuu isaa of keessaa qaba.

التصنيفات

akkaataa wuduu'aa