“Dhukkubni eeyyama Rabbitiin malee ofiin hin darbu, hooddannaan hin jiru, fa’alii (jecha gaarii) immoo nan jaalladha” (Sahaabonnis) fa’aliin maali jedhanii gaafatan? isaanis ni jedhani: “fa’alin jecha gaarii isin dhageessanu”

“Dhukkubni eeyyama Rabbitiin malee ofiin hin darbu, hooddannaan hin jiru, fa’alii (jecha gaarii) immoo nan jaalladha” (Sahaabonnis) fa’aliin maali jedhanii gaafatan? isaanis ni jedhani: “fa’alin jecha gaarii isin dhageessanu”

Anas bin Maalik irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu, Nabiyyiin, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, akkas jedhan: “Dhukkubni eeyyama Rabbitiin malee ofiin hin darbu, hooddannaan hin jiru, fa’alii (jecha gaarii) immoo nan jaalladha” (Sahaabonnis) fa’aliin maali jedhanii gaafatan? isaanis ni jedhani: “fa’alin jecha gaarii isin dhageessanu”.

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, daddarbiinsa dhukkubaa kan ummanni bara Awaamummaa dhukkubni tokko fedha Rabbiitin osoo hin taane ofumaan gara nama biraatti akka daddarbu itti amanan sun soba ta’uu himani. Akkasumas Faana ilaallachuun soba akka ta'ees himaniiru, isheenis simbirroo, ykn wantoota lubbuu qaban, ykn namoota qaama miidhamtoota, ykn lakkoofsa, ykn guyyoota, ykn waan biraa irraa ta'ee waan dhaga'amu ykn mul'atu ta'us wahuma kamiinuu hoddachuudha. ٍِAs irratti wanti simbirroo kaaseef, warra bara Awaamummaa biratti beekamaa waan ta'eef jecha, ka’umsi isaa immoo gocha akka imalaa ykn daldalaa ykn waan biraa yeroo jalqabuu jedhan simbirroo oofuudha. Yoo gara mirgaatti balali'e abdii guddaa horatee gara waan barbaaduu deema, yoo gara bitaatti balali'e immoo abdii kutatee waan hojjachuu fedhu san dhiisa. Eegasii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu tafaa'ula toluun akka itti tolu dubbatan. Innis gammachuu jecha gaarii dhaga’u irraa ilma namaatif argamu, yoo ta'u, Rabbii isaa waan gaariin akka yaadu isa taasisa.

فوائد الحديث

Rabbii ol ta'e irratti hirkachuun akka dirqama ta'ee fi Rabbiin malee kan gaarii fidee hamtuu deebisu akka hin jerreedha.

Faana ilaalachuu irraa dhoorguudha, innis waan abdii kutannaa namatti fiduu fi hojii nama dhorguudha.

Tafaa'ula toluun faana ilaalachuu dhorgamaa ta'e irraa osoo hin taane, inni Rabbii ol ta'etti yaada toluu irraa akka ta'eedha.

Wanti hundinuu kan ta’u murtoo Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne qofaani.