Komiin (hamti) maal akka ta'e beektuu?", Rabbii fi Ergamaa Isaatu beeka jedhan, Ergamaanis ni jedhan: "Obboleessa kee waan inni jibbuun dubbachuudha

Komiin (hamti) maal akka ta'e beektuu?", Rabbii fi Ergamaa Isaatu beeka jedhan, Ergamaanis ni jedhan: "Obboleessa kee waan inni jibbuun dubbachuudha

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Komiin (hamti) maal akka ta'e beektuu?", Rabbii fi Ergamaa Isaatu beeka jedhan, Ergamaanis ni jedhan: "Obboleessa kee waan inni jibbuun dubbachuudha", wanti ani jedhu obboleessa koo keessa yoo jiraate hoo? jedhame, Ergamaanis ni jedhan: "wanti ati jettu isa keessa jira yoo ta'e dhugumatti isa komatteerta, wanti ati jettu isa keessa hin jiru yoo ta'e immoo isa irratti kijibdeerta".

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- maalumma komii (hama) haraama taatee ifa galchan, isiin: muslima si bira hin jirre waan inni jibbuun dubbachuudha, haala isaa uumamaa, yookaan haala isaa amaalaa ta'ee, akka ballaa, gowwoomsaa, kijibaa fi wantoota arraba of keessaa qaban irraa waan sana fakkaataniin isa dubbachuudha, osoo haala sana qabaatellee. Haalli sun isa keessa kan hin jirre yoo ta'e immoo kun komii (hama) irra jabaadha, inni isa irratti kijibuudha, (Buhtaanni) nama irratti waan isa keessa hin kijibuudha.

فوائد الحديث

Akkaataan barsiisa Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bareedaa ta'uudha, dhimmoowwan karaa gaaffiitiin waan dhiheessuuf.

Yeroo Rabbiif Ergamaa Isaatu beeka jedhanutti namuusa bareedaa sahaaboonni Nabiyyii waliin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabaniidha.

Namni waan hin beekne irraa gaafatame: Rabbiitu beeka jechuudha.

Haqaa fi obbolummaa isaan gidduutti tiksuun eegumsa shari'aan hawaasaa goote agarsiisa.

Komiin (hamti) yeroo garii keessatti bu'aa wahiitif yoo ta'e malee haraama ta'uudha; sana irraa: miidhaa deebisuuf, namni miidhame nama haqa isaa fuudhuufii danda'u biratti nama isa miidhe dubbachuudha, Ebelu na miidhe, yookaan akkas natti hojjate jedhee akka dubbachuuti, ammas isii irraa: dhimma gaa'ilaa irratti waliin mari'achuufaa, yookaan waliin gurmaa'uu faa, yookaan olloomuufaa fi kan sana fakkkaatan keessatti.