Namichi tokko Nabiyyicha nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkas jedhee gaafate: Islaamummaa keessaa kamtu caala?isaanis akkas jedhaniin: "Nyaata nyaachifta, warra beektu fi warra hin beeknenis salaamataa jetta". ​

Namichi tokko Nabiyyicha nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkas jedhee gaafate: Islaamummaa keessaa kamtu caala?isaanis akkas jedhaniin: "Nyaata nyaachifta, warra beektu fi warra hin beeknenis salaamataa jetta". ​

Abdullaah bin Amrii irraa odeeffamee Rabbiin isaan irraa haa jaallatu: Namichi tokko Nabiyyicha nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkas jedhee gaafate: Islaamummaa keessaa kamtu caala?isaanis akkas jedhaniin: "Nyaata nyaachifta, warra beektu fi warra hin beeknenis salaamataa jetta". ​

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, gaaffii kana irraa gaafatamnaan: Amaloota Islaamaa keessaa kamtu caala? Amaloota lama kaasan: Inni jalqabaa: hiyyeeyyii nyaachisuu baay’isuudha, isa keessa tola ooltummaan, kennaan, keessummeessuu fi affeerraan cidhaa kan galu yoo ta’u, yeroo beelaa fi gatiin jireenyaa qaala'e nyaachisuun immoo daran caalaa ta'a. Inni lammataa: muslima hunda, beektus beekuu baattus salaamataa isaan jechuudha.

فوائد الحديث

Sahaabaan amaloota addunyaa fi aakhiraa keessatti nama fayyadan beekuuf fedhii guddaa akka qabaniidha.

Salaamataa jechuu fi nyaata nyaachisuun hojiiwwan Islaama keessatti caalaa ta’an keessaa tokko; Sababni isaas sadarkaa qabaachuu isiiti fi namoonni yeroo hunda keessatti waan itti haajamaniif jecha.

​Amaloota lamaan kana jalatti jechaa fi gochaan waliin tola hojjechuun akka hammatamaniidha, inni tola ooltummaa hunda caalaa guutuudha.

Amaloonni kunneen akkaataa Muslimoonni waliin itti jiraataniin kan walqabatu yoo ta’u, hariiroo gabrichi Rabbii isaa wajjiin qabaachuu qabu keessatti amaloota biroo hedduutu jiru.

Salaamataan jalqabuun muslimoota qofaaf waan ta’eef kaafira dursanii isaan salaamataa jechuun hin ta'u.