Namni yeroo azaana dhagahu akkas jedhe: "Yaa Rabbii, Gooftaa waamicha guutuu fi salaata yeroo hunda raawwatamu kanaa, Muhammadiif eddoo guddaa fi sadarkaa kenniif, gara eddoo faarfamaa isa ati waadaa galteettis isa ol kaasi" shafaa'aan koo guyyaa qiyaamaa isaaf raggaate

Namni yeroo azaana dhagahu akkas jedhe: "Yaa Rabbii, Gooftaa waamicha guutuu fi salaata yeroo hunda raawwatamu kanaa, Muhammadiif eddoo guddaa fi sadarkaa kenniif, gara eddoo faarfamaa isa ati waadaa galteettis isa ol kaasi" shafaa'aan koo guyyaa qiyaamaa isaaf raggaate

Jaabir bin Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Namni yeroo azaana dhagahu akkas jedhe: "Yaa Rabbii, Gooftaa waamicha guutuu fi salaata yeroo hunda raawwatamu kanaa, Muhammadiif eddoo guddaa fi sadarkaa kenniif, gara eddoo faarfamaa isa ati waadaa galteettis isa ol kaasi" shafaa'aan koo guyyaa qiyaamaa isaaf raggaate».

[sirrii] [Bukhaariitu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni erga azaanni xumuramee booda akkas jedhe akka shafa'aan isaaf raggaatu ibsan: (Yaa Rabbii, Gooftaa waamicha kanaa), isheenis jechoota waamicha azaanaa kan gabrootni Rabbii gara salaataa ittiin waamamuu dha, (Guutuu kan ta'e) hir'ina kan hin qabne, waamicha gama tokkichummaa Rabbii fi ergaa isaa, (Rabbii saalata dhaabbataa ta'ee) kan yeroo hundaa dhaabbattu, (Kenni) laadhu, (Muhammadiif wasiilaa kenni) sadarkaa ol’aanaa Jannata keessatti isa qofaaf malu, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, (Fadiilaas kenniif) Sadarkaa sadarkaalee uumamtoota hundaa caalu kenniif, (Eddoo kabajamaas kenniif) Kan namni isa keessa dhaabbatu galateeffamu , kunis Guyyaa Qiyaamaa shafa’aa/manguddummaa guddaadha, (kan ati isaaf waadaa galte) akkas jechuu keetin: {Gooftaan kee eddoo faarfamaa ta'e si dhaabuun mirkanaa'aadha} Nabiyyiif ta'uun, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu. Namni du'aa'ii kanaan kadhate guyyaa qiyaamaa shafa’aa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni argata.

فوائد الحديث

Waan mu'azzinni jedhu jedhanii eega raawwatanii booda Du'aa'ii kana jechuun karaa ta'uudha, namni azaana hin dhageenye ammoo jechuun isa irra hin jiraatu.

Uumamtoota biraa hunda caalaa wasiilaa, fadiilaa fi eddoo faarfamaa shafa'aa guddaa kennamuuf sadarkaa nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- qabaniidha.

"Shafa'aan kiyya isaaf ragga'eera) jechuun Rasuulaaf -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- guyyaa qiyaamaa shafa'aan dhugaatti jiraachuu isaa mirkaneessuudha.

Shafaa'aan isaanii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- warreen badii gurguddaa qaban akka ibidda hin seenne, namni seenees akka bahu, ykn ammoo jannata herrega tokko malee akka seenan, ykn ammoo jannata keessatti sadarkaan isaanii akka dabalu keessatti ta'a.

Xiibiin akkana jedhe: Jalqabaa Azaanaa irraa kaasee hanga isa "Muhammadan Rasuulullaah" gayutti waamicha guutuudha. Hey'alaan (Hayya Alassalaah, Hayya Alal falaah) isheen salaata dhaabbattuu jecha isaa "salaata dhaaban" jedhu keessatti dabbatamteedha, Salaata jechuun du'aa'iis ta'u danada'a, tan dhaabbattu jechuun tan itti fuftu jechuudha ta'a, waan tokko yeroo itti fufiinsaan hojjate irra dhaabbate jechuu irraa dhufeeti. Haaluma kanaan jechi isaa "salaata dhaabbattuu taate" kan jedhu waamicha guutuu ta'e ibsuudha, akkasumas salaatatti kan fedhame salaata baramte kan itti waamichi taasifamaa jiru ta'u danda'a, kanatu irra ifa.

Al-Muhallab akkana jedhe: Yeroolee salaataa keessatti du'aa'ii godhachuu irratti kakaasuutu Hadiisicha keessa jira; Sababni isaas yeroo itti kadhatamee deebiin itti abdatamu waan ta'eefi.

التصنيفات

jiruu aakhiraa., azaanaafii iqaamaa