Nabiyyiin waliin salaate, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, gama mirga isaanitti akkana jechuun salaamtaa jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh» hiikni isaas: nagaan, rahmannii fi barakaan Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha, gama bitaa isaanitti immoo akkana jedhu…

Nabiyyiin waliin salaate, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, gama mirga isaanitti akkana jechuun salaamtaa jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh» hiikni isaas: nagaan, rahmannii fi barakaan Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha, gama bitaa isaanitti immoo akkana jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaah» hiikni isaas: nagaa fi rahmanni Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha

Waa'il bin Hujr irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin waliin salaate, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, gama mirga isaanitti akkana jechuun salaamtaa jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh» hiikni isaas: nagaan, rahmannii fi barakaan Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha, gama bitaa isaanitti immoo akkana jedhu turan: «Assalaamu Aleykum warahmatullaah» hiikni isaas: nagaa fi rahmanni Rabbii isin irra haa jiraatu jechuudha.

[hasani] [abuu daawud odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- salaata isaanii xumuuruu yeroo barbaadan, fuula isaanii gara mirgaa garagalchanii (Assalaamu Aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh) jedhu turan, akkasumas gara bitaa isaanittis fuula gara galchanii akkan jedhu turan: (Assalaamu Aleykum warahmatullaahi wabarakaatuhu).

فوائد الحديث

Salaata yeroo xumuran yeroo lama salaamataa baafatuun karaa ta'uu fi salaamataa baafatuun ruknii salaataa irraa akka ta'eedha.

Yeroo tokko tokko (warakaatuh) jechuun jaallatamaa ta'uudha; Sababni isaas Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- itti fufiinsaan waan jechaa hin turiniif jecha.

Salaata keessatti salaamataa lamaan arrabaan dubbachuun dirqama ta'uudha, Garuu yeroo dubbatan sanatti mil'achuun jaallatamaadha.

(Assalaamu Aleykum Warahmatullaah) kan jedhu, yeroo naanna'aa jiru malee duraa fi boodattii miti.

التصنيفات

akkaataa salaataa