Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namicha tokko kan kophaa isaa tarree (saffii) duubaa irratti salaatu arganii, salaata isaa irra deebi’ee akka raawwatu isa ajajan

Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namicha tokko kan kophaa isaa tarree (saffii) duubaa irratti salaatu arganii, salaata isaa irra deebi’ee akka raawwatu isa ajajan

Waabisaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namicha tokko kan kophaa isaa tarree (saffii) duubaa irratti salaatu arganii, salaata isaa irra deebi’ee akka raawwatu isa ajajan.

[hasani] [abuu daawud, tirmizii, ibnumaajah fii ahmad odeessan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namicha tokko kan kophaa isaa tarree (saffii) duubaa irratti salaataa jiru arganii, salaata isaa akka irra deebi’u isa ajajan; Sababni isaas salaanni isaa haala kana keessatti sirrii hin turre.

فوائد الحديث

Salaata jama’aadhaaf dursaan eddotti argamuu fi salaatni nama jalaa akka hin banne tarree (saffii) duubatti kophaa salaatuu dhabuu irratti kakaasuudha.

Ibnu Hajar akkana jedhe: Namni salaata kophaa isaa tarree duubatti jalqabee booda osoo rukuu'a irraa hin ka’in tarree namootatti makame, raka'aa san irra deebi'ee salaatuun dirqama itti hin tahu, akkuma hadiisa Abii Bakraa keessa jirutti, yoo akkana hin taane deebisuun irratti dirqama ta'a ragaa waliigalaa kan hadiisa waabisaa keessa jiru irratti deemnee.

التصنيفات

seera imaamaatiifii ma'imuumaa