Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waliin ture, isaanis gara eddoo balfi itti gatamu tokkoo dhufanii, dhaabbatanii fincaa'an,

Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waliin ture, isaanis gara eddoo balfi itti gatamu tokkoo dhufanii, dhaabbatanii fincaa'an,

Huzeyfaa irraa odeeffamee Rabbiin irraa haa jaallatu akkas jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waliin ture, isaanis gara eddoo balfi itti gatamu tokkoo dhufanii, dhaabbatanii fincaa'an, ani irraa fagaadhee jennaan akkana naan jedhan: «As dhihaadhu» anis hanga duuba miila isaanii lamaan dhaabbadhutti itti dhihaadhe, achiis wuduu’a godhatanii kophee khuffii isaanii lamaan irra haxaa’an.

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Huzeyfaan bin Al-Yamaan, Rabbiin isaan lachuu irraa haa jaallatu, Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wajjiin akka ture odeessa, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fincaa'uu barbaadanii, gara eddoo balfaa tokkootti adeeman; innis eddoo balfi mana keessaa qulqullaa'u itti gatamuudha, achhis dhaabbatanii finaa'an, amalli isaanii irra caalaan taa'anii fincaa'uu ture. Huzeyfaan irraa fagaatee jennaan, isaanis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhaniin: Dhihaadhu, Huzeyfaan hanga duuba miila isaanii dhaabbatutti itti dhihaate; sababni isaas haala sana keessatti ija namaa irraa akka girdoo akka isaanif ta'uuf jecha. Sana booda nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu wuduu’a raawwatan, yeroo miila isaanii lamaan dhiqachuu bira gahan, kophee khuffii isaanii lamaan irra haxaa'un geeffatanii -khuffii jechuun gogaa haphii fi waan isa fakkaatu kan miilatti uffatamu yoo ta'u, koomee miilaa lamaan kan hagooguudh- isaan lamaan hin baafanne.

فوائد الحديث

Khuffii lamaan irra haxaa'uun karaa ta'uudha.

Ulaagaa wanni tokko isa irraa isa hin tuqneen dhaabbatanii fincaa'uun akka hayyamamuudha.

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- eddoo balfi itti gatamu fincaanif filachuudha; sababni isaas eddoon kun yeroo baay’ee salphaa fincaan isa keessatti nama fincaa'aa jiru irratti hin deebine waan ta'eef jecha.

التصنيفات

kophee lamii irra haquu fi waan isaan lamii fakkatan