Balaan mu'uminaa fi mu'umintittii tuquu irraa hin hafu lubbuu isaa, ilma isaa fi qabeenya isaa keessatti isa tuquu irraa hin hafu hanga haala badiin tokko isa irra hin jirreen Rabbiin wol ga'utti

Balaan mu'uminaa fi mu'umintittii tuquu irraa hin hafu lubbuu isaa, ilma isaa fi qabeenya isaa keessatti isa tuquu irraa hin hafu hanga haala badiin tokko isa irra hin jirreen Rabbiin wol ga'utti

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhani: «Balaan mu'uminaa fi mu'umintittii tuquu irraa hin hafu lubbuu isaa, ilma isaa fi qabeenya isaa keessatti isa tuquu irraa hin hafu hanga haala badiin tokko isa irra hin jirreen Rabbiin wol ga'utti».

[hasani] [tirmiziifii ahmad odeessan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- balaa fi mokkoroon gabricha mu'uminaa fi mu'umintittii irraa akka adda hin baane himani, lubbuu isaa keessatti fayyaa isaatii fi qaama isaa, ilmaan isaa keessatti dhukkuba yookaan du'a yookaan haadhaaf abbaatti jallina yookaan waan biraatiin, qabeenya isaa keessatti immoo rakkachuu, daldalli isaa kasaaruu, hatamuu, jireenyi qaala'uu fi rizqiin dhiphachuu, hanga Rabbiin sababaa balaa sanaatiin hunda badii isaa isaaf haqee jennaan yeroo Raabbiin wol ga'utti hunda badii fi dilii hojjatee irraa dhugaan qulqulluu ta'utti.

فوائد الحديث

Rahmata Rabbiin gabroota isaa mu'umintootaaf oole keessaa osoo duuniyaa keessa jiranuu sababaa balaa duuniyaatiin badii isaanii isaan irraa haquudha.

Ulaagaa iimaana qabaachuutiin balaan badii haqa, gabrichi yoo obsee kan hin aarre ta'e mindaa itti argata.

Waan hunda keessatti obsa irratti jajjabeessuu, waan jaallatanuu fi jibban irratti, hanga waan Rabbiin dirqama isa irratti taasise geessutti ni obsa, hanga waan Rabbiin haraama isa irratti godhe irraa fagaatutti ni obsa, mindaa Rabbii kajeelee adabbii isaa sodaatee.

''Mu'uminaa fi mu'umintittii" jechuu keessatti, jecha "mu'umintittii" jedhu dabaluun dubartii irratti dirqamni dabalataa jiraachuuf ragaadha; osoo "mu'umina" qofa jedhee dhiises dubartiinis inuma galti, sun waan dhiira qofa hin ilaallanneef jecha, balaan dubartii yoo mudate isiinis mindaadhuma akka kanaa badii fi diliiwwan haqamuutu waadaa isiidhaaf seename.

Laalaa yeroodhaa yerootti gabricha mudatu waan isatti salphisu keessaa sadarkaa balaa irratti hundaa'ee kennamuudha.

التصنيفات

Murti Rabbiitti amanu., lubbuu qulqulleessuu