Akkaataa xurii janaabaa irraa itti dhiqatan

Akkaataa xurii janaabaa irraa itti dhiqatan

Haadha Mu'umintootaa Maymuunaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, akkas jette: Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- bishaan dhiqannaa kaayee, huccuudhaan girdoo isaanif godhe, bishaan harka isaanii lamaan irratti buusanii, isaan lamaan dhiqatan, ergasii mirga isaanitin bitaa isaanii irratti bishaan buusanii, qaama saalaa isaanii dhiqatan, harka isaanitin lafa rukutee ishee haxaawe, ergasii ishee ni dhiqe, lulluuqqatanii bishaan funyaan keessa ol galchanii gadi deebisan, fuula fi harka isaanii lamaan ciqileen waliin ni dhiqatan, ergasii bishaan mataa isaanii irratti gad naqanii qaama isaanii irratti dhangalaasanii dhiqatan, eegasii eddoo dhiqannaa irraa fagaatanii, miila isaanii lamaan dhiqan, uffata wahii laadhefi, garuu hin fudhanne, harka isaanii lamaanin bishaan ofirraa hurgufaa deeman.

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Haati Mu’umintootaa Maymunaan Rabbiin irraa haa jaallatu janaabaa irraa akkaataa dhiqatinsa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa himte, bakka bishaan ittiin dhiqatan isaanii dhiheessitee, girdoo isaanif gootetti, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akka armaan gadii kana raawwatan: Tokkoffaa: Harka isaanii lamaan irratti bishaan naqanii osoo isaan lamaan meeshaa bishaanii keessa hin galchin dhiqan. Lammaffaa: Harka mirgaatiin bishaan harka bitaa irratti naqanii qaama saalaa isaanii dhiqatan; Xurii janaabaa irraa itti maxxane irraa isa qulqulleessuuf jecha. Sadaffaa: Harka isaanitiin lafa rukutanii ishee haxaa'an, eegasii xurii irraa deemsisuuf jecha ishee dhiqan. Afraffaa: Afaan ni lulluuqatan; sunis Bishaan afaan isaanii keessa galchanii naannessuudhaan eegasii baasan, akkasumas funyaan isaanii keessa ol galchanii isa qulqulleessuuf jecha eegasii gadi deebisan. Shanaffaa: Fuulaa fi harka isaanii lamaan dhiqatan. Jahaffaa: Mataa isaanii irratti bishaan ni dhangalaasan. Torbaffaa: Qaama isaanii isa hafe irratti bishaan dhangalaasanii dhiqatan. Saddeettaffaa: Bakka isaanii irraa socho’anii waan duraan hin dhiqiniif jecha miila isaanii lamaan dhiqatan. Eegasii bututtuuwahii tan ittiin goggoffatan qabdee itti dhufte, garuu isaan ishee fudhachuu dhiisanii, bishaan qaama isaanii irraa harkaan haxaa'uu eegalan.

فوائد الحديث

Haadholeen manaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkaataa jireenya isaanii bal'inaan ummata barsiisuuf jecha ibsutti yaadda'uu isaaniti.

Akkaataan dhiqannaa janaabaa kun akkaataalee dhiqannaa janaabaa kan Nabiyyii irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- mirkanaa’an keessaa isa tokko, Dhiqannaan gahaa tahe ammoo lulluuqqachuu fi bishaan funyaan keessa ol galchanii baasuun waliin bishaan qaama guutuu waliin gahuudha.

Erga dhiqannaa ykn wuduu'a godhachuutii qaama bututtuun goggoffachuun ykn dhiisuun ni hayyamamaadha.

التصنيفات

dhiqannaa